1Waa'ee isa jalqabaa jalqabee ture, sagalee jireenyaa sanaa isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyeerra, ija keenyaan isa argineerra, ilaallees harka keenyaan isa qaqqabanneerra*.
2Jireenyichi mul'ifameera*; nuyi isa argineerra, isaafis dhugaa in baana; jireenya bara baraa isa abbaa bira ture, nuttis mul'ifame kana isinitti in himna*.
3Isinis nuu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti in himna; tokkummaan keenya immoo abbaadhaa wajjin, ilma isaa Yesus Kristosii wajjinis.
4Kana hundumaas gammachuun keenya
5Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru; ergaan nuyi isa irraa dhageenyee isinitti himnus isuma kana*.
6Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo deddeebine, in sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu*.
7Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa*.
8Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru*.
9Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa*.
10Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.