1Yesus kun Masiihicha ta'uu isaa namni amanu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti; isa dhalche sana namni jaallatu isa abbichattii dhalates immoo in jaallata*.
2Waaqayyoon yommuu jaallannu, abboommii isaas yommuu goonu, ijoollee Waaqayyoo jaallachuu keenya in hubanna.
3Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba'aa ulfaatoo miti*.
4Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo'amu kunis amantii keenya*.
5Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a*.
6Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana; innis Yesus Kristos. Inni bishaan duwwaadhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri qulqulluun kana dhugaa in ba'a, hafuurichi dhugaa dha*.
7Dhuga-baatuu sadiitu jira
8Isaan kunis hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba'u*.
9Isa namoonni dhugaa ba'an kan fudhannu erga taanee, inni Waaqayyo dhugaa ba'u immoo in caala. Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaatiif dhugaa ba'ee dha*.
10Namni ilma Waaqayyootti amanu, dhugaa kana of keessaa qaba; namni Waaqayyoon hin amanne garuu, isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba'e waan amanuu dhiiseef, Waaqayyoon sobduu gochuu isaa ti*.
11Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama*.
12Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu*.
13Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe*.
14Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti isa in amananna*.
15Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beekne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beekna.
16Namni tokko obboleessi isaa cubbuu du'a [bara baraatti] isa hin geessine utuu hojjetu yoo arge haa kadhatuuf, Waaqayyo jireenya isaaf in kenna. Kunis warra cubbuu du'a [bara baraatti] isaan hin geessine hojjetan duwwaadhaaf ta'a; cubbuun du'a [bara baraatti] nama geessu jira; namni isa akkasii kanaaf haa kadhatu jechuu koo miti*.
17Seera malee jiraachuun hundinuu cubbuu dha; garuu cubbuun du'a [bara baraatti] nama hin geessine jira.
18Namni mucaa Waaqayyoo ta'e cubbuutti qabamee akka hin jiraanne in beekna; ilmi Waaqayyoo isa in eega, inni hamaanis isa hin tuqu*.
19Nuyi kan Waaqayyoo akka taane, guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna*.
20Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana*.
21Yaa ijoollee ko, waaqayyolii tolfaman irraa of eeggadhaa*!