1 GARA THIMOTEWOS 1:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Ani Phaawulos, abboommii Waaqayyoo fayyisaa keenyaa fi Kristos Yesus abdii keenyaan ergamaa Kristos Yesus kanan ta'e*,

2gara Ximotewos isa dhuguma amantiidhaan ilma koo ta'eetti caafuu koo ti.

2Waaqayyo abbaan, Kristos Yesus gooftaan keenyas ayyaana, araara, nagaas siif haa kennu*.[1]

3Yeroon Maqedooniyaa dhaquuf ka'e akkuman si gorsee ture, namoonni tokko tokko barsiisa biraa akka hin barsiifne akka dhowwituuf, mandara Efesoon turuu kee nan barbaada*.

4Mammaaksa amantii eeguu, hidda qomoo isaanii isa dhuma hin qabne lakkaa'uus akka dhiisan godhi! Wanti isaan godhan kun falmaa duwwaa kaasuu malee, akeeka Waaqayyoo isa amantiidhaan fudhatamu sanaaf hin hojjetu*.

5Nuyi garuu barsiisa biraa sana dhowwine, jaalala garaa qullaa'aa keessaa, yaada garaa hin boora'in keessaa fi amantii gowwoomsaa hin qabne keessaa ba'u dammaqsuudhaaf in barsiifna*.

6Namoonni gar tokko isaan kana irraa kaatanii, gara falmaa waa'ee hin baafneetti galaniiru*.

7Isaan kun waan ofii dubbatan yookiis waa'ee isa cimsanii dubbatan sanaa utuu hin hubatin, barsiisota seerichaa ta'uu in barbaadu.[2]

8Namni akka ta'utti yoo ittiin hojjete, seerichi gaarii akka ta'e nuyi in beekna*.

9Namichi sun, seerri nama qajeelaadhaaf akka hin tumamin in beeka; garuu warra seera malee jiraataniif, warra hin abboomamneef, warra Waaqayyo malee jiraataniif, warra cubbamootaaf, warra karaa qulqulluu irraa jal'ataniif, warra wanta qulqullaa'aadhaan mormaniif, abbootaa fi haadhota warra ajjeesaniif, warra gumaaf*,

10warra halaleedhaaf, warra nama gadhoomsaniif, warra nama butaniif, warra sobduudhaaf, warra kakaa sobaa kakataniif, kan biraas yoo jiraatan warra barsiisa sirriidhaan mormaniif tumame*.

11Barsiifni sirriin kun immoo wangeela isa waa'ee ulfina Waaqayyoo eebbifamaa dubbatuu dha; inni akkan isa lallabuuf hadaraa anatti kennameera*.[3]

12Ani, Kristos Yesus gooftaa keenya isa hojii koo kanaaf humna anaaf kenne kana, ?Amanamaa dha? jedhee hojii isaa irra na dhaabuu isaatiif nan galateeffadha*.

13Dur illee ani maqaa balleessaa, ari'achaa, humnaan nama irratti ka'aan ture; garuu amanuu koo dura wallaalummaatti waanan kana godheef, inni araara anaaf buuse*.

14Ayyaanni gooftaa keenyaas amantii fi jaalala Kristos Yesusiin argamanii wajjin, guutee irra anaaf dhangala'eera*.

15Dubbiin, ?Kristos Yesus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe? jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf; warra cubbamootatti lakkaa'aman sana keessaa immoo ani isa duraa ti*.

16Haa ta'u iyyuu malee, Yesus Kristos ana isa cubbuutti isa duraa ta'e kana keessaan obsa isaa guutummaatti akka mul'isutti, warra jireenya bara baraatiif isatti amananiif fakkeenya akka ta'uuf, ani araara argadheera.

17Mootii bara baraa isa hin duune, isa ijaan hin argamne, Waaqayyo tokkicha sanaaf baruma baraan ulfinnii fi guddinni haa ta'u! Ameen*.[4]

18Ximotewos, ilma ko! Akka dubbii raajii waa'ee keetiif dubbatame sanaatti, gaarii gootee akka loltuuf abboommii kana hadaraa sitti nan kenna*.

19Kanaafis amantii, yaada garaa qullaa'aas qabaadhu! Namoonni tokko yaada garaa isaanii tuffachuu isaaniitiin amantii isaanii akka caccabaa markabaatti hurreessaniiru*.

20Himnewosii fi Iskindir, jara kana keessa jiru; ani immoo, Waaqayyoon arrabsuu dhiisuu akka baraniif, adaba harka Seexanaatti dabarsee isaan kenneera*.[5]

cle>