1Ammas waan hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun, galata dhi'eessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamuuf nan gorsa*.
2Nagaatti gabiitti akka namoota Waaqayyootti jireenya ulfina qabu jiraachuu akka dandeenyuuf, moototaaf, biyya bulchuu keessatti warra aboo qaban hundumaafis akkasuma godhaa!
3Kun gaarii dha, fuula Waaqayyoo fayyisaa keenyaa durattis fudhatamaa dha.
4Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha*.
5Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha*.
6Inni furii namoota hundumaatiif ofii isaa dabarsee kenne; kunis yeroo isaatti dhugaa baafame*.
7Isa kanaafis ani lallabaa, ergamaas ta'een jira; kanas ani dhugaan dubbadha malee hin sobu; amantiidhaan dhugaadhaan geggeeffamees warra saba Waaqayyoo hin ta'in nan barsiisa*.
8Lafa kadhata godhatanitti immoo warri dhiiraa yaada dheekkamsaa fi qoccollootiin utuu hin ta'in, yaada qullaa'aadhaan harka isaanii ol kaasanii akka kadhatan nan barbaada*.
9Warri dubartii immoo amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba'uudhaan of kuuluu utuu hin ta'in, uffata qajeelaa fakkaatu akka ta'utti uffachuudhaan maal naan jedhudhaan, of qabuudhaanis haa ta'u*!
10Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta'uttis, wanta gaarii haa argisiisan*.
11Dubartiin abboomamuu hundumaan gab jettee haa bartu*.
12Dubartiin gabiitti haa jiraattu nan jedha malee, haa barsiiftu, dhiira irrattis aboo haa qabaattu hin jedhu*;
13Addaam duraan dursee tolfame, Hewwaan immoo ergasii tolfamte*.
14Addaam hin sossobamne, dubartittiin garuu sossobamtee, seera-cabsituu taate*.
15Haa ta'u iyyuu malee, dubartittiin mucaa da'uudhaan in fayyiti; warri kaanis amantiitti, jaalalatti, qullaa'ummaattis of qabuudhaan yoo jiraatan in fayyu*.