1 GARA THIMOTEWOS 4:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Bara booddetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu'anii, amantii wangeelaa irraa akka gara galan, hafuurri qulqulluun keessaa baasee in dubbata*.

2Warri sobduun, of-hinargineen, yaadni garaa isaanii diimnaan gubamee milikkita Seexanaa godhate kun, jara kana wallaalchisanii gara galchaniiru*.

3Isaan kun, ?Fuudhuunii fi heerumuun, nyaata akkasii fi akkasii nyaachuun dhowwaa dha? jedhu; Waaqayyo garuu, nyaata adda addaa kana, warri amanan, warri dhugaa beekuu bira ga'anis, galataan fudhatanii akka nyaataniif uume*.

4Wanti Waaqayyo uume hundinuu gaarii dha, wanta galataan fudhatamu keessas hirmiin hin jiru*.

5Dubbiin Waaqayyoo, kadhannis isa in qulleessa.[13]

6Obboloonni kana akka baran yoo goote, Kristos Yesusiif hojjetaa isa ba'eessa in taata; ofii keetiis dubbii amantiitti, barsiisa ba'eessa isa duukaa buute sanattis guddachaa in adeemta*.

7Mammaaksa wanta qulqullaa'aadhaan mormu isa dubartoonni dullooman mammaakan hin fudhatin; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qopheessi*!

8Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqqopheessuun garuu, wanta baay'eedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira*.

9Dubbichi amanamaa dha, guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf*.

10Waaqayyo fayyisaa nama hundumaa ti, addumaan immoo fayyisaa amantootaa ti; nuyi abdii keenya Waaqayyo isa jiraataa irra kaa'anneerra; kanaafis kanatti in dadhabna in dhamaanas*.[14]

11Kana hundumaa isaan abboomi, isaan barsiisis!

12Dubbii afaan keessaa ba'uun, akka jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan, of-qabuudhaanis amantootaaf fakkeenya ta'i! Namni tokko illees ijoollummaa keetiif si hin tuffatin*!

13Hamma ani dhufutti immoo, caaffata qulqullaa'aa namootaaf dubbisuutti, gorsuutti, barsiisuuttis of kenni!

14Sagalee raajii dubbatameen, maanguddoonni harka isaanii mataa kee irra kaa'uudhaanis, kennaa hafuuraa siif kennamee si keessa jiru sana hin dagatin*.

15Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!

16Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhaga'anis gara fayyinaatti in geessita*.[15]

cle>