1Warri waanjoo garbummaa jala jiran Waaqayyo, barsiifni keenyas maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra isaan bulchan akka warra ulfina hundumaa argachuun ta'uufitti haa ilaalan*!
2Ofii isaaniitii garbummaa jala jiraatanii warri isaan bulchan amantoota yoo ta'an, lachuu amantiidhaan waliif obboloota; sababii obboloota waliif ta'aniif immoo warra isaan bulchu kana hin tuffatin. Warri isaan bulchan immoo amantoota, kan jaallatamanis ta'anii hojii gaariidhaaf waan of kennaniif ittuma caalchisanii haa hojjetan! Kana barsiisi, gorsis*.
3Namni barsiisa biraa barsiisu, dubbii gooftaa keenyaa Yesus Kristos isa sirriidhaa fi barsiisa ittiin nama Waaqayyoo ta'anii wajjinis kan walii hin galle yoo jiraate*,
4namni akkasii of bokoksuudhaan of arguu dhabe, homaas hin beeku; yaadni isaa waan irratti dhukkubsateef waliin morkachuu fi wal diduu dhiisuu hin danda'u; waliin morkachuu fi wal diduu keessaa immoo weennoon, qoccolloon, maqaa balleessuun, hamaatti nama mamuun in ba'a*.
5Namoonni warri qalbiin isaanii bade wal aarsuunis kana keessaa in dhufa; isaan immoo dhugaan waan irraa fudhatameef, nama Waaqayyoo ta'uun waan ittiin bu'aa argatan in se'u*.
6Nama Waaqayyoo ta'uun, nama wanta qabuun of danda'ee jiraatu biratti bu'aa guddaa qaba*.
7Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba'uu hin dandeenyu*.
8Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga'a*.
9Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay'ee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu*.
10Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa'atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay'eedhaanis of waraananiiru*.
11Ati garuu yaa nama Waaqayyoo, kana hundumaa irraa fagaadhu! Qajeelinaaf, akka nama Waaqayyootti jiraachuudhaaf, amantiidhaaf, jaalalaaf, obsaaf, gara-laafummaadhaaf dhama'i*!
12Wal'aansoo amantii isa gaarii sana jabeessii qabi! Jireenya bara baraas harka kee keessa galfadhu! Isaaf waamamtee, dhuga-baatuu baay'ee duratti amantii kee ba'eessa gootee beeksifteetta*.
13Fuula Waaqayyoo isa wanti hundinuu akka jiraatu godhu, fuula Kristos Yesus isa Phonxos Philaaxos duratti amantiidhaaf ba'eessa godhee dhugaa ba'e durattis kana sitti nan kenna*.
14Hamma gaafa gooftaan keenya Yesus Kristos deebi'ee mul'inatti dhufutti, ajaja kana balleessaa malee waan jechaa utuu si irratti hin argamin eegi*!
15Waaqayyo inni eebbifamaan, kophaa isaa waan hundumaa gara irraa jiru, warra mootota ta'an irratti inni mootii ta'e, warra gooftota ta'aniratti inni gooftaa ta'e, yeroo isaaf ta'utti Kristos mul'inatti dhufuu isaa in argisiisa*.
16Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni ifa homtinuu itti dhi'aachuu hin dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa hin argine, isa arguus hin danda'u. Isaaf ulfinnii fi aangoon bara baraa haa ta'u! Ameen*.
17Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta'an waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa'anne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay'isee nuuf kennu irra haa kaa'atan*!
18Wanta gaarii ta'e haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa ta'u! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa ga'an*!
19Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaa'atu*.
20Yaa Ximotewos, wanta hadaraa sitti kenname jabeessii eegi! Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa'aadhaan mormu irraa, wanta sobaa isa ?Beekumsa? jedhame dhugaadhaan mormu irraas fagaadhu*!
21Namoonni gar tokko ?Beekumsa? isa jedhamee kana ?Arganneerra? jedhanii in himu, isaan garuu isa karaa amantii akeekkatan dhabaniiru.