1 GARA WARRA QORONTOS 13:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Afaan namoonni yookiis afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh kosh jedhuun ta'e*.

2Raajii dubbachuudhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiru hundumaa beekee, beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti amantii guutuus qabaadhee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, ani homaa miti*.

3Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis[68] dhagna koo iyyuu dabarsee kennee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu*.[69]

4Jaalalli danda'aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus*;

5jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallannu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa'u*.

6Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal'inatti hin gammadu*.

7Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa*.[70]

8Jaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira.

9Wanti nuyi beeknu muraasa, wanti raajii dubbannus muraasa;

10raawwatamuun isaa yeroo ga'u immoo, inni muraasi kun in hafa.

11Mucummaa kootti akka mucaatti nan dubbadhe, akka mucaatti nan yaade, akka mucaattis sababii nan kennan ture; amma garuu ergan nama ga'aa ta'ee, akka mucaatti jiraachuu dhiiseera.

12Nuyi amma akka nama of ilaalee keessatti waa argee abaluu isaa hin hubatin hafeetti in argina; yommus garuu fuula fuulaan in argina, wanti ani amma beeku muraasa, yommus garuu akkuman ofii beekame, anis guutuutti beekuuf jira*.

13Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala*.[71]

/article>