1 GARA WARRA QORONTOS 16:1-24 GAZB1997 - Bible AI

1Waa'ee horii gargaarsa warra amananii Waaqayyoof qulqullaa'an sanaaf bu'u immoo, isinis akkuma ani waldoota kristiiyaanaa kutaa biyya Galaatiyaa abboome godhaa*!

2Erga ani dhufee horii walitti buusuu akka hin barbaachifnetti, Sanbata guddaa, torbeedhuma tokkon tokkon keessan hamma wal qixxaateef buusee walitti haa qabu*.

3Yeroon dhufus, namoota isin nuuf haa dhaqan jettaniif caaffata ittiin beekaman kenneefii, buusii keessan gara Yerusaalemitti akka geessaniif isaanan erga*.

4Ani dhaquun koo barbaachisaa yoo fakkaate immoo, isaan anaa wajjin in dhaqu.[90]

5Ani karaa Maqedooniyaa dhaquu waanan yaadeef, biyya Maqedooniyaa sana keessa ergan darbee booddee gara keessan nan dhufa*.

6Isin biras nan turan ta'a; isin immoo gargaartanii iddoodhuma ani dhaqutti akka na ergitaniif, tarii ganna guutuu iyyuu isin bira nan ba'a*.

7Ani miilana argaa karaa irraa isin arguu hin barbaanne; yoo gooftaan jedhe takka isin bira akkan turu nan abdadha*.

8Hamma guyyaa Phenxeqosteetti garuu mandara Efesoon keessa nan tura*.

9Warri ittiin morman baay'een yoo jiraatan iyyuu, hojii guddaadhaa fi hojii waa'ee baasu hojjechuudhaaf karaan anaaf banameera*.[91]

10Ximotewos yeroo dhufu, innis akkuma koo hojii gooftaa waan hojjetuuf, akka inni of irraa bu'ee isin bira buufatu godhaa*!

11Namni tokko illee isa hin tuffatin! Ani obbolootaa wajjin isa eegaa waanan jiruuf, nagaadhaan na bira akka dhufuuf isa gargaaraa*!

12Waa'ee obboleessa keenya Apholos immoo, inni obboloota warra kaanii wajjin dhufee akka isin ilaaluuf, ani deddeebisee isa gorsaan ture; inni garuu amma gara keessan dhufuun raawwatee jaalala isaa hin taane; yeroo isaaf wayyutti garuu dhufuuf jira*.[92]

13Dammaqaa, amantiitti cimaatii dhaabadhaa! Ija-jabeeyyiidhaa fi jajjaboo ta'aa*!

14Waan hojjettan hundumaa jaalalaan raawwadhaa*!

15Ammas obboloota ko, maatiin Isxifaanaas, Akaayyaa keessaa amantoota warra jalqabaa akka ta'an in beektu; isaan warra Waaqayyoof qulqullaa'aniif hojjechuudhaaf of kennanii turan*.

16Namoota akkasiitiif, hojiitti hidhata isaanii isa ta'eef, isa itti dadhabe hundumaaf adduma addaan, ulfina isaaniif ta'u akka kennitaniif isinan kadhadha.

17Isin qaqqabuu dadhabnaan Isxifaanaas, Fortunaaxos, Akaayqosis iddoo keessan waan dhufaniif ani gammadeera.

18Akkuma garaa isin ciibsan, garaa na ciibsaniiru; hojii warra akkasii immoo galateeffatanii beeksisuun in ta'a*.[93]

19Waldoonni kristiiyaanaa Asiyaa, nagaa isiniif dhaamu; Aqiilaanii fi Phriskaan waldaa mana isaaniitti walitti qabamu sanaa wajjin, karaa gooftaa garaa guutuudhaan nagaa isiniif ergu*.

20Obboloonni as jiran hundinuu nagaa isiniif dhaamu; yaada qulqullaa'aatiin wal dhungachuudhaan nagaa wal gaafadhaa*![94]

21Nagaa kana ana Phaawulostu harka kootiin isiniif caafa*.

22Eenyu illee gooftaa yoo jaallachuu dhabaate abaaramaa dha; ?Maaraanaataa!? Hiikuun isaas, ?Gooftaa keenyaa kottu!? jechuu dha*.

23Ayyaanni gooftaa Yesus isinii wajjin haa ta'u*!

24Jaalalli koo karaa Kristos Yesus hunduma keessanii wajjin haa ta'u![95]

/article>