1Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa, gara waldaa warra Tasaloniiqee isa kan Waaqayyoo abbaa fi kan gooftaa Yesus Kristositti caafame.
2Nuyi kadhata keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee, yeroo hundumaa waa'ee hunduma keessaniif Waaqayyoon in galateeffanna*.
3Fuula Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaa duratti hojii amantii keessanii, jaalalaaf dadhabuu keessan, gooftaa keenya Yesus Kristosin abdachuutti jabaachuu keessanis in yaadanna*.
4Obboloota nana! Waaqayyo akka isin jaallate akka isin fo'ates nuyi in beekna*.
5Wangeelli nuyi isiniif lallabne humnaan, hafuura qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guutuudhaan malee, sagalee duwwaadhaan gara keessan hin dhufne; nuyi immoo sababii keessaniif namoota attamii taanee akka isin gidduu turre in beektu*.
6Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya gooftaa duukaa buutaniittu; yoo baay'ee rakkattan iyyuu, gammachuu hafuura qulqulluu biraa dhufuun dubbicha fudhattaniittu*.
7Kanaan isinis amantoota warra Maqedooniyaa fi, warra Akaayyaa hundumaaf fakkeenya taatan*.
8Dubbiin gooftaa inni isin biraa ka'e Maqedooniyaa fi Akaayyaa duwwaatti dhaga'ame miti; amantiin isin Waaqayyotti qabdan iddoo halletti ba'ee barameera; waa'ee kanaafis waan jechuun nu barbaachisu tokko illee hin jiru*.
9Nuyi attamitti akka isin gidduutti simatamne isinis Waaqayyo isa jiraataa fi isa dhugaadhaaf hojjechuuf attamitti waaqayyolii tolfaman irraa gara Waaqayyootti akka deebitan isaan ofuma isaaniitii iyyuu in himu*.
10Deebi'uun keessanis ilma isaa isa waaqa irraa dhufu, isa inni warra du'an keessaa kaase Yesus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu eeggachuudhaaf*.