1Obboloota nana! Isin bira dhufuun keenya utuu waa'ee hin baasin akka hin hafne isin ofii keessanii iyyuu gaarii gootanii in beektu*.
2Isin bira utuu hin dhufin Filiphisiiyusitti akka dhiphanne, namoonni akka nutti darbanis in beektu. Isin biraas warri nuun morman utuma baay'atanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera*.
3Wanti nuyi isin gorsinu jal'ina keessaa, xuraa'ummaa keessaas hin baane; haxxummaas hin qabu*.
4Akka isa Waaqayyo qoree nu ilaalee, wangeela hadaraa nutti kennetti in dubbanna; namoota utuu hin ta'in, Waaqayyoon isa garaa keenya qoree ilaalu gammachiisuudhaaf in dhamaana*.
5Nuyi isin biratti warra dubbii itti kuulan, warra ittiin qabanii nu ga'a jechuu dadhabuu isaanii dhokfatan akka hin ta'in ba'eessa gootanii in beektu; kanas Waaqayyo in beeka*.
6Nuyi isin irraas yoo ta'e warra kaan irraas yoo ta'e namoota irraa ulfina hin barbaanne*.
7Nuyi akka ergamoota Kristositti ulfaatoo ta'uu utuma dandeenyuu, akka haadha ijoollee ishee ofitti qabdutti isin gidduu jiraanne.
8Firoomaaf baay'ifne isin in yaanna; sababii isin jaallannuuf wangeela Waaqayyoo duwwaa utuu hin ta'in, lubbuu keenyas immoo isiniin ga'uun nutti in tola.
9Obboloota nana! Hojiitti isiniif dadhabuu keenya in yaadattu; nuyi isin keessaa nama tokkotti illee ba'aa akka hin taanef halkanii fi guyyaa waan nu barbaachisuuf hojjechaa, wangeela Waaqayyoo isinitti lallabne*.
10Isin warra amantaniif nuyi qullaa'ota, qajeelota, mudaa malees akka taane isin dhugaa nuuf baatu, Waaqayyos immoo dhugaa nuuf ba'a.
11Nus tokkon tokkon keessan akka abbaan itti ijoollee isaa ilaalutti isin ilaaluu keenya gaarii gootanii in beektu*.
12Waaqayyo isa mootummaa isaatii fi ulfina isaatti isin waame sanaaf akka ta'utti akka jiraattaniif isin in gorsina isin in jajjabeessina, dhugaas isinitti in baana*.
13Dubbii Waaqayyoo isa nuyi lallabnu yeroo argattan, akka dubbii namaatti utuu hin ta'in akka dubbii Waaqayyootti fudhattaniittu; innoo, dhuguma dubbii Waaqayyoo ti. Waaqayyos isin warra amantan keessatti in hojjeta; kana hundumaaf ittuma fufnee Waaqayyoon in galateeffanna*.
14Obboloota nana! Isin faana warra biyya Yihudaa keessaa karaa Kristos Yesus waldoota Waaqayyoo ta'anii duukaa buutaniittu; akkuma isaan harka warra Yihudootaatti dhiphatan isinis harka warra biyya keessaniitti dhiphattaniittu*.
15Warri Yihudootaa goofticha Yesusin, raajotas in ajjeesan nus in ari'atan; Waaqayyoon hin gammachiisan nama hundumaa wajjinis waliif hin galan*.
16Warri saba Waaqayyoo hin ta'in akka fayyaniif nuyi in lallabna; isaan immoo safara cubbuu isa yeroo hundumaa hojjetan guuttachuudhaaf, akka hin lallabneef nu dhowwu. Gara dhumaatti dheekkamsi Waaqayyo ammuma iyyuu isaan irratti dhufeera*.
17Obboloota nana! Garaan keenya wal bira yoo jiraate iyyuu, yeroodhaaf fuula fuulaan wal arguu dhabnee erga gargar baafamnee, nuyi fuula keessan arguudhaaf hawwa guddaadhaan caalchifnee dhamaane.
18Kanaaf dhufnee isin ilaaluu barbaanne; ani Phaawulos addumaan deddeebi'ee yaaleera, Seexanni garuu nu ittise.
19Abdiin keenya, gammachuun keenya, gonfoon nuyi dhufa gooftaa keenyaa Yesusitti ittiin isa dura dhaabannee, of jajannu isin malee eenyu ree*?
20Isin dhuguma ulfina keenya, gammachuu keenyas.