1 GARA WARRA TASALONIIQEE 3:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Egaa kana caalaa obsuu yeroo dadhabnetti, nuyi kophaa keenya mandara Ateenaatti hafuudhaaf murtoo godhanne*.

2Amantiitti akka isin jabeessuuf, cimsees akka isin gorsuuf, nuyi obboleessa keenya wangeela Kristosiif ergamuuttis hojjetaa Waaqayyoo isa ta'e, Ximotewosin gara keessanitti ergine*.

3Namni tokko illee sababii rakkina kana hundumaaf hin raafamin! Isaan kanatti galuun akka nu irra jiru isin ofii keessanii in beektu*.

4Nuyi utuu isin bira jirruu rakkinni nu irra ga'uuf akka jiru duraan dursinee isinitti himneerra; akkasuma akka ta'es isin iyyuu in beektu*.

5Sababii kanaaf kana caalaa obsuu waanan dadhabeef inni nama qoru isin qoreera yoo ta'e, wanti nuyi itti dadhabaa turre kan waa'ee hin baafne akka hin taanetti amantii keessan beekuufan isa gara keessanitti erge*.[7]

6Amma garuu Ximotewos isin biraa gara keenya dhufee, waa'ee amantii keessanii fi waa'ee jaalala keessanii oduu gaarii nuuf fide; akkasumas isin yeroo hundumaa gara-laafinaan akka nu yaadattan, akkuma nuyi isin arguu yaadnus nu arguu akka yaaddan nutti hime*.

7Kanaaf yaa obboloota nana, gidiraa keenya hundumaa fi rakkina keenya keessatti waa'ee keessanii fi amantii keessaniin jajjabina arganneerra*.

8Amma isin gooftaatti jabaattanii yoo dhaabattan, nuyi iyyuu jireenya keenyaaf in jajjabaanna.

9Nuyi fuula Waaqayyo keenyaa durattis gammachuu waa'ee keessaniif nutti dhaga'ame hundumaaf galata attamii Waaqayyoof dhi'eessuu dandeenya ree*?

10Nuyi fuula fuulaan isin arguudhaa fi, amantii keessan keessaas waan hir'ate isiniif dabaluudhaaf halkanii fi guyyaa dhimminee in kadhanna*.[8]

11Ammas Waaqayyo abbaan keenya gooftaan keenya Yesusis gara keessan dhufuudhaaf karaa keenya nuuf haa qajeelchu!

12Gooftichi jaalala isin walii fi namoota hundumaafis qabdan dabalee, akka isa nuyi ittiin isin jaallannutti hamma malee haa baay'isu*!

13Guyyaa gooftaan keenya Yesus qulqulloota isaa wajjin deebi'ee dhufutti, garaa keessan cimsee warra hin komatamne godhee qulqullummaadhaan fuula Waaqayyoo abbaa keenyaa dura isin haa dhaabu*![9]

r>