1 GARA WARRA TASALONIIQEE 4:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti jiraachuun akka isin irra jiru barumsa nu irraa argattaniittu; akkuma amma itti jirtan iyyuu caalchiftanii akka itti fuftan maqaa Yesus gooftaatiin isin in kadhanna, isin in gorsinas*.

2Waan gochuun isiniif ta'u maqaa gooftaa Yesusiin gorsa akka isiniif kennine in beektu*.

3Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha*.

4Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa beeku*!

5Akka saba warra kaanii warra Waaqayyoon hin beeknetti kajeellaa dhagnaatti, hawwasaattis of hin kenninaa*!

6Egaa namni kana irra darbee dubbii kanatti hiriyaa isaa hin gowwoomsin; gooftaan warra balleessaa akkasii hojjetan in adaba jennee duraan dursinee isinitti himneerra, dhugaa isinitti baaneerras*.

7Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame*.

8Egaa namni gorsa kana tuffatu, Waaqayyoon isa hafuura isaa qulqulluu isiniif kennu tuffata malee, nama tuffata miti*.[10]

9Waa'ee obboloota jaallachuu immoo isiniif caafuun barbaachisaa miti; wal jaallachuun akka isin barbaachisu Waaqayyo isin barsiiseera*.

10Isinis kanuma duukaa buutanii obboloota guutummaa kutaa biyya Maqedooniyaa keessa jiran hundumaa in jaallattu; ammas immoo caalchiftanii akka itti fuftan isin in gorsina, yaa obboloota ko*.

11Akkuma nuyi dur isinitti himnetti jireenya gabii jiraachuu, maayii keessan dhimma baafachuu, waan ittiin jiraattan argachuudhaaf harka keessaniin itti dadhabdanii hojjechuu ulfinatti lakkaa'adhaa*!

12Akkasitti yoo jiraattan warra alaa biratti ija ulfinaatiin in ilaalamtu; waan isin barbaachisuufis harka nama tokkoo iyyuu hin eeggattan*.[11]

13Obboloota nana! Akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddinetti, waa'ee warra obbaafataniif abdii jiru akka beektan in barbaanna*.

14Yesus du'ee du'aa akka ka'e erga amannee akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan karaa Yesus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu in amanna*.[12]

15Nuyi amma dubbii gooftaa keessaa waan arganne isinitti himuuf jenna; nuyi warri gaafa gooftaan deebi'ee dhufu utuu hin du'in jirru, warra obbaafatan dura hin buunu*.

16Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu*.

17Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna*.

18Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa![13]

r>