1Yaa obboloota ko! Waa'ee barichaa fi waa'ee yerichaa garuu isiniif caafuun barbaachisaa miti*.
2Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in beektu*.
3Namoonni, ?Nagaa dha, gabii dhas? utuma jedhanii, badiifni itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru*.
4Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra ba'uu hin danda'u.
5Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti*.
6Egaa kottaa in dammaqna, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifna*!
7Warri rafan halkan in rafu, warri machaa'anis halkan in machaa'u.
8Nuyi garuu warra guyyaa erga taanee of in qabna, maddaa sibiilaa isa kan amantii fi jaalalaa in uffanna, abdii fayyinaas akka gonfoo sibiilaatti mataatti in kaa'anna*.
9Waaqayyo karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos fayyina akka argannuuf malee dheekkamsaaf yaadee nu hin qopheessine*.
10Nuyi warri jireenyatti jirrus, warri obbaafannes jireenya isaa akka qabaannuuf, Kristos nuuf du'e*.
11Kanaaf akkuma amma gochaa jirtan, wal jajjabeessaa, wal cimsaas*!
12Obboloota nana, warra isin gidduutti hojiitti dadhaban, karaa gooftaas warra isin geggeessanii fi isin gorsan ulfinaan akka ilaaltan isin in kadhanna*.
13Sababii hojii isaaniitiifis herregaa jaalalaatiin baay'ee ol isaan qabaa; walii keessan gidduuttis nagaa qabaadhaa*!
14Obboloota nana, warra hojii hojjechuu dhiisan gorsitanii akka qajeelchitan, warra garaan isaanii sodaate akka toosiftan, warra dadhabaniif akka yaaddan, namoota hundumaafis akka dandeessan isin in gorsina*.
15Yeroo hundumaa walii keessaniif, namoota hundumaafis gaarii gochuu yaadaa malee, namni tokko illee waan hamaadhaaf hamaa akka hin deebifne ilaaladhaa*!
16Yeroo hundumaa gammadaa*!
17Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa*!
18Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha*.
19Hafuura qulqulluu hin ukaamsinaa!
20Wanta Waaqayyo namatti mul'isee himsiisu hin tuffatinaa*!
21Garuu waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa*!
22Waanuma hamaa ta'e dhiisaa!
23Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif isin haa qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosittis hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu*!
24Inni isin waame amanamaa waan ta'eef, kana in godha*.
25Obboloota ko, nuufis kadhadhaa*!
26Yaada qulqullaa'aadhaan dhudhungachuudhaan obboloota hundumaa nagaa gaafadhaa*!
27Hadaraa gooftaa, ergaan kun obboloota hundumaaf haa dubbifamu*!
28Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos isinii wajjin haa ta'u*!