1Ani Phaawulos jaalala Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus ta'ee, akka abdii jireenya isa karaa Kristos Yesus argamutti kana caafuu koo ti*.
2Haa ga'u gara Ximotewos ilma koo isa jaallatamaa!
3Waaqayyoon, isa ani akkuma abboota kootii yaada garaa qulqullaa'aadhaan hojjedhuuf, nan galateeffadha; kadhata koo halkanii fi guyyaa keessatti yeroo hundumaa sin yaadadha*.
4Imimmaan kee yeroon yaadadhu immoo, si argee garaa guutuudhaan akkan gammaduuf sin yaada*.
5Amantiin kee garaa qulqulluudhaan ta'uun isaa anatti yaadatama; amantiin inni dur akkoo kee Lo'is, haadha kee Ewuniiqee keessas ture sun, si keessas akka jiru nan amana*.
6Kanaafis kennaa Waaqayyoo isa yeroo ani harka koo mataa kee irra kaa'e siif kenname, haaressitee akka ibiddaatti akka qabsiiftu sin yaadachiisa*.
7Waaqayyo hafuura humnaa kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne*.
8Egaa akka Waaqayyo humna siif kennetti, wangeelaaf rakkachuu keessaa qooda qabaadhu malee, gooftaa keenyaaf dhugaa ba'uu, waa'ee koo isa ani sababii Kristosiif jedhee hidhames hin yeella'in*!
9Waaqayyo nu fayyisee isaaf akka qulqulloofnuuf nu waame; nu waamuun isaas akka akeeka isaatii fi akka ayyaana isaa isa durii durii jalqabee karaa Kristos Yesus nuuf kenneetti malee, akka hojii keenyaatti miti*.
10Amma garuu ayyaanni isaa dhufa fayyisaa keenyaa Kristos Yesusiin nutti mul'ifameera; inni humna du'aa cabsee, jireenya, badiisa ooluus karaa wangeelaa ifatti baase*.
11Ani wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa ta'een jira*.
12Kanaafan amma itti dhiphachaa jira; ani garuu eenyutti akkan amane waanan beekuuf hin yeella'u; akkasumas inni wanta hadaraa anatti kenname kana, hamma guyyaa sanaatti eeguu akka danda'u nan amanadha*.
13Dubbii sirrii isa ana irraa dhageesse sana geggeessaa godhadhuu duukaa bu'i! Amantii fi jaalala karaa Kristos Yesus argamutti qabamii geggeeffami*!
14Wanta gaarii hadaraa sitti kenname sana hafuura qulqulluu isa nu keessa jiraatuun eegi*!
15Akkuma ati beektu, warri kutaa biyya Asiyaa keessaa hundinuu ana irraa gara galaniiru; Fiigelosii fi Hermogenesis isaan keessa jiru*.
16Oneesiforos garuu deddeebi'ee yaada koo haaresseera; gooftaan warra mana isaatiif araara haa kennu! Inni waanan hidhameef anattii deddeebi'uu hin yeellaane*;
17akkuma mandara Roomaa ga'een dhimmee ana barbaadee, na argates*.
18Guyyaa sanatti goofticha biraa araara argachuun isaa jaalala gooftaa haa ta'u! Efesoonittis hammam akka inni anaaf ergame ati iyyuu ba'eessa gootee in beekta*.