1Ati immoo ilma ko! Ayyaana isa Kristos Yesus nuuf kennutti jabaadhu*!
2Dhuga-baatota baay'ee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta'anitti hadaraa kenni*!
3Akka loltuu Kristos Yesusitti dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu*!
4Namni loltuu ta'ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf hojii warra kaanitti lixuu in dhiisa*.
5Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu*.
6Qottuun hojii isaatti dadhabu duraan dursee ija midhaan isaatii irraa nyaachuun in ta'aaf*.
7Wanta ani dubbadhu kanas itti yaadi, gooftaan waan hundumaaf hubannaa siif in kenna*.
8Yesus Kristosin isa warra du'an keessaa kaafame, isa sanyii Daawit keessaa dhalate, akka ani wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu*!
9Sababii wangeela isa ani lallabe kanaaf, akkuma nama hamaa godheetti hidhamee dhiphachaan jira; dubbiin Waaqayyoo garuu hin hidhamu*.
10Kanaafis, warri fo'aman fayyina isa karaa Kristos Yesus dhufu ulfina bara baraa wajjin akka argatanitti, isaaniif jedhee waan hundumaa obsaan nan baadha*.
11
12
13
14Wal diduun namootaa warra dhaga'an diiga malee, waan tokkoof waa'ee akka hin baafne isaan yaadachiisi! Waaqayyo durattis isaanitti dhugaa ba'i*!
15Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella'u hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhama'i*!
16Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa'aadhaan mormu irraa fagaadhu! Inni ittuma caalchisee nama Waaqayyoo ta'uu irraa nama fageessa*.
17Dubbiin akkasii akka madaa foon nyaatee bal'achaa adeemuu ti; Himnewosii fi Filexoos warra dubbii akkasii dubbatan keessa jiru*.
18Isaan kun ?Du'aa ka'uun kanaan dura ta'eera? jechuudhaan dhugaa irraa kaataniiru; amantii warra kaaniis gara galchaniiru*.
19Haa ta'u iyyuu malee, hundeen Waaqayyo kaa'e jabaatee in dhaabata. Mallattoo, ?Gooftichi warra kan isaatii in beeka? kana malees, ?Namni goofticha maqaa dha'atu jal'ina irraa haa deebi'u!? jedhus in qabaata*.
20Mana guddaa tokko keessa qodaa warqee irraa yookiis meettii irraa tolfame duwwaa utuu hin ta'in, qodaan muka irraa yookiis suphee irraa tolfames jira; kaan qodaa hojii ulfinaa itti hojjetanii dha, kaan immoo qodaa hojii salphinaa itti hojjetanii dha*.
21Ammas namni warra wanta salphinaa hojjetan irraa yoo of qulleesse, qodaa ulfinaa in ta'a; akkasittis qodaa addaan ba'ee, gooftaa isaatiif waa'ee baasu, hojii gaarii hundumaafis qophaa'aa in ta'a*.
22Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu, warra garaa qullaa'aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin qajeelina, amantii, jaalala, nagaa duukaas bu'i*!
23Qoccolloo akka kaasan waan beektuuf, morkii gowwummaa isa toora hin qabnettis hin lixin*!
24Hojjetaan gooftichaa nama hundumaatti gaarummaa argisiisuun, namoota barsiisuu danda'uun, waan hamaa obsaan namaaf danda'uun isaaf in ta'a malee, nama qoccoluun isaaf hin ta'u*.
25Inni warra ittiin morman hafuura gara-laafinaatiin gorsee gara gaariitti deebisuun in ta'aaf; isaan dhugaa beekuu bira ga'uudhaaf yaada garaa isaanii akka geddarataniif Waaqayyo karaa in kennaaf ta'a*.
26Yoos isaan qalbii godhatanii, Seexana isa jaalala isaa akka godhaniif kiyyoo isaatti isaan galche harkaa in ba'u*.