1Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu*!
2Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata-hinqabnee, warra wanta qulqullaa'aadhaan morman in ta'u*.
3Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of-hinqabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban,
4warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta'uuf jiru*.
5Akka bakkeedhaan mul'atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu; warra akkasii irraa fagaadhu*!
6Isaan keessaa kaan mana namaa lixanii dubartoota dadhaboo warra cubbuun irra tuulamee, kajeellaa garaa garaatiin asii fi achi oofaman in wallaalchisu*.
7Dubartoonni kun yeroo hundumaa in baru; garuu dhugaa beekuu bira ga'uu matumaa hin danda'an.
8Akkuma Yaaneesii fi Yaambres, Museedhaan morman, jarreen sammuun isaanii bade, karaa amantii isaanii qoramanii hin ilaalamin kunis akkasuma dhugaadhaan in mormu*.
9Garuu akkuma gowwummaan jarreen sana lamaanii irratti beekame, kan isaan kanaas nama hundumaa biratti beekamuuf waan jiruuf, fagoo hin ga'an*.
10Ammas ati barsiisa koo, amala koo, akeeka jireenya koo, amantii koo, obsaan danda'uu koo, jaalala koo, waanan qabetti cimuu koo caqafteetta.
11Ari'atamuu koo, dhiphachuu koos warra Anxokiyaatti, Iqoniiyumitti, Lisxiraatti ana irra ga'an yaadaan qabdeetta; ari'atamuu attamiin danda'es! Kana hundumaa keessaa immoo gooftaan na oolche*.
12Akkasuma karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta'ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari'atamuuf jira*.
13Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu; namoota in wallaalchisu ofii isaaniitiis in wallaalchifamu*.
14Ati garuu isa barsiifamte, cimsitees itti amante sana eenyufa'i irraa akka barte waan beektuuf, isatti qabamii jiraadhu*!
15Mucummaa keetii jalqabdee caaffata qulqullaa'aa isa Kristos Yesusitti amanuudhaan akka fayyitutti ogummaa siif kennuu danda'u, akka barte in beekta*.
16Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa*.
17Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda'e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa'e akka ta'u in godha*.