2 GARA THIMOTEWOS 4:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo duratti, Kristos Yesus isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf jiru durattis, maqaa isa deebi'ee mul'atee, mootummaa isaas argisiisu sanaan cimsee sin gorsa*.

2Dubbicha lallabi, ?Kun yeroo dha, kun yeroo miti? utuu hin jedhin qophaa'ii argami! Nama balleessaa isaa hubachiisi, ifadhu! Obsa hundumaan gorsi barsiisis*.

3Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu*.

4Isaan dubbii dhugaa dhaga'uu irraa gara galanii, gara mammaaksa amantiitti in goru*.

5Ati garuu waan hundumaatti gara itti gortu beeki! Dhiphina obsaan baadhu! Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta'uuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu*![17]

6Yeroon dhiigni koo akka dhibaayuutti dhibaafatamu dhi'aateera! Yeroon itti ani jireenya kanattii hiikamus ga'eera*.

7Wal'aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera*.

8Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa'amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna; ana duwwaaf utuu hin ta'in, warra deebi'ee mul'inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna*.[18]

9Ariitiidhaan gara koo dhufuuf dhama'i!

10Deemaas biyya lafaa kana jaallatee, ana buusee mandara Tasaloniiqee dhaqe; Kresqes biyya Galaatiyaa, Tiitoosis immoo biyya Dalmaatiyaa dhaqe*.

11Luqaas duwwaatu na bira jira; yeroo dhuftu, Maarqosin of duukaa fidii kottu! Inni anaaf ergamuudhaan waa'ee anaaf in baasa*.

12Xikiqoosin immoo mandara Efesoonitti ergeera*.

13Yommuu dhuftu waaroo ani Kaarphos biratti Xro'aasitti dhiise, macaafotas addumaan immoo maraa caaffatoota gogaa duugamaa anaaf fidi.

14Iskindir inni sibiila tumu baay'isee hamaa ana irratti hojjete; gooftichi akka hojii isaatiitti isaaf in deebisa*!

15Inni jabeessee dubbii keenyaan waan mormeef, atis isattii of eeggadhu![19]

16Gaafa ani dura yaa'ii duratti dhi'aadhee falmadhe, hundumtuu na buusan malee, namni na bukkee dhaabate tokko illee hin argamne; gooftaan kana isaanitti hin lakkaa'in*.

17Garuu wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin ta'inis akka isa dhaga'aniif gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche*.

18Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha; na fayyisee mootummaa isaa isa waaqa irraatti na geessa; isaaf baruma baraan galanni haa ta'u! Ameen*.[20]

19Phrisqiilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesiforosittis nagaa koo anaaf himi*!

20Erasxos Qorontositti hafe; Xrofimoos immoo dhukkubsannaan ani mandara Miilexositti isa dhiise*.

21Utuu ganni hin lixin dhufuudhaaf dhama'i! Yubulos, Phudenis, Liinos, Klaawudiiyaan, obboloonni hundinuu nagaa siif ergu.

22Gooftaan hafuura kee wajjin haa ta'u! Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessanii wajjin haa jiraatu*![21]

cle>