2 GARA WARRA QORONTOS 13:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Kanaan si'a sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti; akkuma caafame, ?Dubbiin tokko dhuga-baatuu lama yookiis sadii irra in dhaabata*?.

2Ani yeroon lammaffaa dhufetti warra kanaan dura cubbuu hojjetan, warra kaan hundumaas yoon deebi'ee dhufe akkan isaan hin qusanne qixaaxxadheera; akkuman qixaaxxadhe immoo, amma utuun isaan bira hin jiraatinis isaan nan qixaaxxadha*.

3Kristos karaa koo akka dubbatu immoo, amansiisa barbaaddan hundumaa argachuuf jirtu; inni isin keessatti danda'aa dha malee, gara keessan kanatti dadhabaa miti*.

4Inni dadhabbiidhaan fannifame, humna Waaqayyootiin garuu in jiraata; nuyis akkasuma isa duratti dadhaboota, garuu humna Waaqayyootiin, bu'aa keessaniif isaa wajjin in jiraanna*.[53]

5Amantiitti qabamtanii jirtu yoo taatan isinumti of ilaalaa! Of qoraa! Yesus Kristos isin keessa akka jiru dhuguma in beektuu ree? Yoo akkas ta'uu dhabaate isin qorannaa sanatti kufuu keessan*.

6Nuyi garuu kanatti hin kufne; kanas akka isin beektan nan abdadha.

7Isin waan hamaa akka hin hojjenneef nuyi Waaqayyoon in kadhanna; nuyi waan kufne yoo fakkaanne iyyuu, isin immoo waan qajeelaa akka hojjettaniif malee, nuyi qorama sana darbuun keenya akka mul'atuuf miti.

8Nuyi dhugichaaf hojjenna malee, dhugicha irratti hojjechuu hin dandeenyu*.

9Yeroo nuyi dadhaboo taane, isin immoo jaboo taatan in gammanna; akkasitti fiixaan akka baataniifis Waaqayyoon in kadhanna*.

10Aboo isa gooftaan ittiin diiguuf utuu hin ta'in, ittiin ijaaruudhaaf anaaf kenneen yeroon gara keessan dhufu akkan isinitti hin hammaannetti, utuun isin irraa fagoo jiruu kana isiniif caafuu koo ti*.[54]

11Ammas obboloota ko nagaatti ta'aa! Karaa keessan qajeelfadhaa, waan nuyi isinitti dhageessifannu yaadatti qabadhaa, waliif galaa, nagaatti jiraadhaa! Waaqayyo inni jaalalaa fi nagaa qabu isinii wajjin in ta'a*.

12Yaada qulqullaa'aatiin wal dhungachuudhaan nagaa wal gaafadhaa! Warri Waaqayyoof qulqullaa'an hundinuu nagaa isiniif dhaamu*.

13Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u*![55]

/article>