2 GARA WARRA QORONTOS 4:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Kanaafis akkuma araara Waaqayyoo fudhannetti, hojii ergaa kanaa hojjechuudhaaf abdii hin kutannu*.

2Waan yeellaasisaa namni dhoksaatti hojjetu garuu dhiifneerra; haxxummaadhaan hin hojjennu, dubbii Waaqayyoos hin micciirru. Nuyi mul'ifnee dhugaa dubbachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti yaada garaa namootaatti of dhi'eessina*.

3Wangeelli nuyi lallabnu yoo haguugame immoo, warra karaa badiisaa irra jiran duwwaadhaaf haguugame*.

4Inni hamaan waaqayyicha bara si'anaa kana ta'e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera*.

5Nuyi ofii keenya utuu hin ta'in ?Yesus Kristos gooftaa dha? jennee in lallabna; nuyi immoo sababii Yesusiif hojjetoota keessan*.

6Waaqayyo isa, ?Dukkana keessaa ifni haa ifu!? jedhetu, beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mul'atu ifatti baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse*.[15]

7Ammas nuyi warri wanta gati-jabeessa akkasii fudhanne kun, akka qodaa suphee ti; kana eeguudhaaf humni humna gara irraa kan keenya utuu hin ta'in kan Waaqayyoo ti*.

8Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin kutannu*.

9In ari'atamna, garuu hin gatamnu; lafaan dha'amna, garuu achumatti hin hafnu.

10Yesus jiraataa ta'uun isaa dhagni keenya jiraachuu isaatiin akka mul'atuuf, yeroo hundumaa milikkita du'atti geeffamuu Yesus dhagna keenyatti baannee in adeemna*.

11Jireenyi Yesus foon keenya isa du'u keessaan akka mul'atuuf, biyya lafaa irra utuu jirruu sababii Yesusiif jennee gaaf hundumaa du'atti dabarfamnee in kennamna*.

12Egaa duuni nu sodaachisaa jira; isin immoo jireenyatti jirtu*.[16]

13Caaffanni qulqullaa'aan, ?Nan amane kanaafan dubbadhe? in jedha; nus immoo hafuuruma amantii sana qabaannee amanne; kanaafis in dubbanna*.

14Waaqayyo inni gooftaa Yesusin du'aa kaase, Yesusin waan kaaseef, nus immoo kaasee isinii wajjin of bira akka nu dhaabu in beekna*.

15Akkuma ayyaanni Waaqayyoo caalaatti baay'atee irraa hafe, warri ulfina Waaqayyootiif galata dhi'eessanis akka baay'ataniif kun hundinuu isiniif ta'e*.[17]

16Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in adeema*.

17Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddatu sana baachuudhaaf nu qopheessa*.

18Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla malee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti*.[18]

article>