2 GARA WARRA QORONTOS 5:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1Godoon jireenya keenyaa, [kana jechuunis dhagni keenya,] lafa kana irraa yoo jige, ijaarsa harki namaa hin ijaarin, mana bara baraan bantii waaqaa keessa jiraatu, Waaqayyo biraa akka qabnu in beekna*.

2Isa ammaa kana keessatti baay'ifnee in aadna, mana keenya isa waaqa irraas irrumatti dabalachuudhaaf in hawwina*.

3Irratti dabalachuun keenyas isa duraa of irraa baafnee qullaa keenya akka hin argamneef*;

4godoo keenya isa kana keessa lafa irra yeroo jiraannu, ba'aan nutti ulfaatee in aadna; kunis mana keenya isa waaqa irraa isuma kana irratti dabalachuudhaaf, kanaanis inni du'u jireenyaan akka liqimfamuuf malee, nuyi godoo keenya kana of irraa baasuu waan barbaanneef miti*.

5Inni akeeka kanaaf nu qopheessu immoo, Waaqayyo isa hafuura isaa qabsiisa nuuf kennee dha*.[19]

6Kanaaf nuyi yeroo hundumaa ija jabina qabna; mana dhagna keenyaa keessa hamma jirrutti, mana gooftaa irraa fagaannee jiraachuu keenya in beekna*.

7Nuyi amantiidhaan jiraanna malee, waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraanna miti*.

8Nuyi ija jabina qabna; mana dhagna keenyaa kana irraas fagaannee, mana keenyatti gooftaa bira jiraachuun nuuf in wayya*.

9Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus isa irraa fagaannus, gooftaa biratti fudhatamoo akka taanuuf in dhimmina*.

10Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti utuu jiruu gaariis ta'e hamaas ta'e, akkuma hojjetetti waan isaaf ta'u akka argatuuf, nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kristos duratti dhi'aachuuf jirra*.[20]

11Kanaafis nuyi goofticha sodaachuun maal akka ta'e beeknee, namoonni kana tole jedhanii akka fudhatan in goona. Nuyi maal akka taane immoo Waaqayyo biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitti beekamaa akka ta'es nan abdadha*.

12Nuyi lammaffaa deebinee isinitti of dhi'eeffachuudhaaf miti; nuun akka of jajjaniif sababii isiniif in kennina; yoos warra keessa isaaniitiin utuu hin ta'in waan duubaan mul'atuun of jajaniif deebii kennuufii in dandeessu*.

13Nuyi yoo qalbii dabarsine, Waaqayyoof qalbii dabarsine; qalbiin keenya guutuu yoo ta'e immoo isiniif qalbiin keenya guutuu ta'a.

14Namni tokko hundumaaf akka du'e, kanaanis namoonni hundinuu du'uu isaanii amannee waan fudhanneef, jaalalli Kristos nu qaba*.

15Egaa warri jiraatan si'achi isa isaaniif jedhee du'ee, du'aa kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf du'eera*.[21]

16Egaa nuyi ammaa jalqabnee, eenyuun illee akka alaan ilaalamutti hedanna miti; Kristosin iyyuu akka alaan ilaalamutti hedanne yoo ta'e, si'achi akkasitti isa hin hedannu.

17Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera*.

18Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta'e; inni hojii araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne*.

19Kunis, Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne*.

20Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; ?Waaqayyotti araaramaa!? jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna*.

21Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaa[22] isa godheera*.[23]

article>