1Egaa nuyi warri Waaqayyoo wajjin hojjennu, ayyaana Waaqayyoo akka waan waa'ee hin baafnetti akka hin fudhanne cimsinee isin in gorsina*.
2
3Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu.
4Haa ta'u iyyuu malee, nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhi'eessina. Hojjetoota Waaqayyoo ta'uu keenyas argisiisuudhaaf baay'ee in obsina, in rakkanna, gidiraatti, muddamattis in galla*;
5in reebamna, in hidhamna, gooliin nutti kaafama, hojiitti in dadhabna, hirriba in dhabna, in soomna*.
6Garaa qulqulluudhaan beekumsaanis in hojjenna, waliif in dandeenya, gaarummaadhaan in jiraanna, hafuura qulqulluutiin in geggeeffamna, jaalala amanamaa in argisiifna*.
7Dubbii isa dhugaadhaan, humna Waaqayyootiinis in hojjenna, qajeelina akka mi'a waraanaatti [ittiin hojjechuudhaaf] harka mirgaa fi harka bitaatti in qabanna*;
8ulfinaan salphinaanis, maqaa-baduudhaan, maqaa-toluudhaanis, akka gowwoomsituutti ilaalamuudhaan, dhugaa qabaachuudhaanis in deddeebina*.
9Utuma beekamnee jirruu akka warra hin beekaminii taane; akka warra du'aniitti in lakkaa'amna, nuyi garuu kunoo in jiraanna! Akka warra adabamanii taane, garuu hin ajjeefamne*.
10Akka warra gaddaniitti in ilaalamna, garuu nuyi yeroo hundumaa in gammanna; akka warra deeganiitti in lakkaa'amna, garuu namoota baay'ee in sooromsina; akka warra homaa hin qabnetti in ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna*.
11Yaa warra Qorontos, nuyi afaan guunnee isinitti dubbanne, garaan keenyas isiniif bal'aa dha.
12Isintu garaa nutti dhiphate malee, nuyi garaa isinitti hin dhiphanne.
13Akkuma nuyi garaa isinitti bal'anne isinis immoo garaa nutti bal'adhaa! jedheen akka ijoollee kootiitti isinitti dubbadha*.
14Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree*?
15Kristosii fi Seexanni
16Manni qulqullummaa Waaqayyoo immoo waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? Waaqayyo jiraataa dha, nuyis mana qulqullummaa isaa ti; Waaqayyo ofii isaatii,
17
18