1Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa, gara waldaa warra Tasaloniiqee isa kan Waaqayyoo abbaa fi kan gooftaa Yesus Kristositti caafame*.
2Waaqayyo abbaan, Yesus Kristos gooftaanis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!
3Yaa obboloota ko, yeroo hundumaa waa'ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuun nu irra jira; amantiin keessan safara malee guddachaa, jaalalli hundumti keessan adda addaan waliif qabdan baay'achaa waan adeemuuf galateeffachuun keenya qajeelaa dha*.
4Ari'atamuu keessan hundumaatti rakkina baattan keessattis obsaa fi amantii isin qabdaniif nuyi waldoota Waaqayyoo keessatti isiniin of in jajna*.
5Kana danda'uun keessan immoo firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta'uu isaa, isin immoo mootummaa Waaqayyoo isa amma dhiphachaafii jirtan kanaaf kan maltan ta'uu keessan in argisiisa*.
6Waaqayyo wanta isa duratti qajeelaa ta'e in hojjeta erga ta'ee, warra isin rakkisaniif rakkinaan dugda in baasa*.
7Isin warra rakkachaa jirtan immoo gaafa gooftaan Yesus ergamoota aangoo isaa wajjin waaqa irraa mul'atu nuyii wajjin kana jalaa isin in baasa*.
8Gooftichi ibidda boba'aa wajjin in mul'ata; gaafas warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba*.
9Isaan kun argaa gooftaa duraa, ulfina aangoo isaa duraas fageeffamanii badiisa bara baraatiin in adabamu*.
10Kunis guyyaa inni qulqulloota isaa keessatti ulfina argachuudhaaf warra isatti amanan hundumaa birattis dinqiitti ilaalamuudhaaf dhufu sanatti raawwatamuuf jira; isinis isa nuyi isinitti dhugaa baane waan amantaniif warra sanatti in lakkaa'amtu*.
11Kanaafis Waaqayyo keenya waamicha isaaf warra malan akka isin godhatuuf, gaarummaadhaafis hawwa gaarii hundumaa hojii amantiis humna isaatiin fiixaan akka baasuuf yeroo hundumaa isiniif in kadhanna*.
12Kanaan maqaan gooftaa keenyaa Yesus isin biratti ulfina in argata; isinis akka ayyaana Waaqayyo keenyaatii fi akka ayyaana gooftaa Yesus Kristositti isa biratti ulfina in argattu.