1Ammas obboloota ko, waa'ee dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosii fi waa'ee isaa wajjin walitti sassaabamuu keenyaa akka beektaniif waanan isin kadhadhu qaba*.
2?Guyyaan gooftaa ammuma iyyuu dhufeera? kan jedhu, wanta Waaqayyo nutti mul'isee himu keessa, dubbiidhaan yookiis caaffataan akka waan nu biraa ba'eetti isa odeeffamuun yaadni keessan dafee hin raafamin, hin naasifaminaas*!
3Waaqayyoon mormanii isa irratti ka'uun utuu hin dhufin, inni hamaan seera malee jiraatus ilmi badiisaa sun utuu bakkeetti hin baafamin, guyyaan sun hin dhufu; kanaaf namni tokko karaa kam illee isin hin walaalchisin*!
4Inni bakkeetti baafamuuf jiru sun ol of qabuudhaan Waaqayyo kan jedhamuun, waanuma namni itti sagaduunis in morma; ofuma isaatii Waaqayyo ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa taa'umsa in dhaabata*.
5Isa kana utuman isin bira jiruu akkan isinitti hime hin yaadattanii ree?
6Yeroodhuma isaatti akka inni mul'atuuf amma wanti isa ittisu akka jiru in beektu.
7Hamminni inni dhokataan sun kanumaan dura iyyuu hojii irra jira; garuu inni amma isa ittisu hamma karaa isaa duraa fuudhamutti hin mul'atu*.
8Kana booddees inni seera malee jiraatu sun in mul'ata; Yesus gooftaan immoo hafuura afaan isaa keessaa ba'uun isa in ajjeesa; mul'inatti deebi'ee dhufuu isaatiinis isa in barbadeessa*.
9Inni seera malee jiraatu kunis gochaa Seexanaatiin wanta hojii aangoo, milikkitootaa fi dinqii fakkaataniinis in dhufa*.
10Warri baduuf jiran hundinuu immoo fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu waan didaniif, gowwoomsaa hamminaa hundumaa isaan irratti in fida*.
11Kanaafis Waaqayyo, wanta dhugaa hin ta'in akka amananiif gochaa nama wallaalchisu isaanitti in erga*.
12Warra jal'inatti gammadanii dhugicha hin amanne hundumaatti akka faradamu in godha*.
13Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan, dhugichattis amanuudhaan akka fayyitaniif Waaqayyo warra jalqabaa godhee waan isin fo'ateef, nuyi waa'ee keessaniif yeroo hundumaa Waaqayyoon galateeffachuun nuuf in ta'a*.
14Ulfina gooftaa keenya Yesus Kristos isinis akka argattanitti inni karaa wangeela isa nuyi isiniif fidne kanatti isin waame*.
15Egaa obboloota nana, barsiisa, dubbii afaaniitiin yookiis ergaa caaffataatiin, nu biraa isinitti darbetti qabamaatii jabaadhaa dhaabadhaa*!
16Ammas gooftaan keenya Yesus Kristos Waaqayyo abbaan keenyas inni nu jaallate, ayyaana isaatiinis jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuuf kenne*.
17Innumti garaa keessan haa jajjabeessu, hojii gaarii fi dubbii gaarii hundumaattis isin haa cimsu*.