2 GARA WARRA TASALONIIQEE 3:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Kana irraa kan hafes, obboloota nana, dubbiin gooftaa dafee iddoo baay'ee ga'ee, isin biratti akkuma fudhatames, ulfinaan akka fudhatamuuf nuuf kadhadhaa*!

2Nama hundumatu amane miti; kanaaf Waaqayyo harka namoota yakkanii fi hamaa godhanii akka nu oolchuufis immoo kadhadhaa*!

3Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin in cimsa, isa hamaa sanas isin irraa in eega*.

4Wanta isinitti himne hundumaa akka raawwattan, raawwachuufis akka jirtan karaa gooftaa isin amananneerra*.

5Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqayyo ittiin nama jaallateetti, gara obsa Kristos argisiiseettis haa qajeelchu![9]

6Ammas obboloota nana, isin keessaa nama hojjechuu dhiisee dhibaa'ummaatti jiraatu, nama akka barsiisa isa nu biraa argattaniitti hin jiraannettiis hidhata akka hiikkattan, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isin in abboomna*.

7Nuyi yommuu isin bira turre, hojjechuu dhiifnee dhibaa'ummaatti hin jiraanne; isinis fakkeenya keenya duukaa bu'uun hammam barbaachisaa akka ta'e ofii keessanii iyyuu in beektu*.

8Nama tokkotti illee ba'aa akka hin taanef halkanii fi guyyaa hojiitti dadhabnee hojjenne malee, utuu gatii hin baasiniif nama tokko irraa buddeena illee hin nyaanne*.

9Nu ilaaltanii duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif taane malee, ba'aa isinitti ta'uuf iyyuu nuyi karaa dhabne miti*.

10Yommuu isin bira turre iyyuu, ?Namni hojii hojjechuu hin barbaanne, midhaanis hin nyaatin!? jennee isin abboomneerra*.

11Amma immoo isin keessaa kaan hojjechuu dhiisanii dhibaa'ummaatti in jiraatu; ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan, hojii namaa keessa lixuu isaanii garuu in dhageenya.

12Namoota akkasii kana gab jedhanii akka hojjetan, kan isaaniis nyaatanii akka jiraatan maqaa gooftaa Yesus Kristosiin in abboomna, in gorsinas*.[10]

13Obboloota nana, isin garuu wanta gaarii gochuutti hin laafinaa*!

14Nama akka ergaa kanatti dubbii keenyaaf hin abboomamne yaadaan qabadhaa! Akka inni yeella'uttis hidhata isaa ta'uu dhiisaa*!

15Akka obboleessaatti isa gorsaa malee immoo, akka diinaatti isa hin ilaalinaa*![11]

16Gooftaan nagaa ofii isaatii yeroo hundumaa, karaa hundumaan, nagaa isiniif haa kennu! Gooftaan hunduma keessanii wajjin haa ta'u*!

17Ani Phaawulos nagaa koo kana harka kootiin isiniif nan caafa. Akki ani itti caafus akkuma kana; milikkinni inni ittiin beekamu kun ergaa ani caafe hundumaa irra jira*.

18Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hunduma keessanii wajjin haa ta'u*![12]

r>