2Isheen halkan guutuumararamtee in boossi,imimmaanis maddii ishee irra in dhangala'a;warra dur ishee jaallatan keessaa tokko illeedhufee kan ishee jajjabeessu hin jiru;firoonni ishee hundinuu ishee in ganan,diinotas isheetti in ta'an*.
3Sabni Yihudaarakkinaa fi garbummaacimaa jala turan,amma immoo booji'amaniisaba warra kaan keessa in jiraatu,achittis boqonnaa hin argatan;warri isaan ari'atan hundinuu,iddoo rakkinaatti isaan in qabatan*.[1]
4Namni ayyaanaaf gara Xiyoonitti ol ba'uwaan hin jirreef,karaan ishee in one;karoonni ishee hundinuuscufaatti in hafan,luboonni ishee in aadu,durboonni ishee in gaddu;isheenis ofii isheetiiiddoo dhiphinaa in taate.
5Diinonni ishee ishee irratti gooftomanii,ofii isaaniitii qannootti in jiraatu;Waaqayyo baay'ina irra-daddarbaa saba isheetiif jedhee,iddoo rakkinaa ishee in godhe;namoonni ishee diinotaan booji'amaniibiyyaa in baafaman.
6Ulfinni ishee ishee irraa in sokke,gurguddoonni ishee akka borofaiddoo dheedichaa hin qabneetti,humna dadhabbiitiiniswarra isaan ari'an jalaa in baqatu;
7Yerusaalem yeroo rakkatee joortetti,wanta gaarii dur qabdi turtehundumaa in yaadatte;sabni ishee harka diinaa keessayommuu bu'e,namni ishee gargaaru tokko illee hin argamne;diinonni ishee ishee arganiibadiisa isheetti in kolfan*.[2]
8Sabni Yerusaalemcubbuu guddaa in hojjetan,in xuraa'anis;warri dur ulfinaisaaniif kennaa turan,amma salphina isaanii arganiiisaan in tuffatu;isaanis yeella'aniiachi gara galanii in aadu*.
9Xuraa'ummaan isaanii uffata isaaniittiqabatee jira,isaan akkas akka ta'anhin beekan turan;kufaatiin isaanii guddaa nama jibbisiisa,namni isaan jajjabeessus hin argamne;kana irraa kan ka'ees,?Diinni mo'umsa waan argateef,yaa Waaqayyo, dhiphina keenya ilaali!? in jedhu.
10Diinni qabeenya Yerusaalemisa miidhagaa hundumaa irrattiharka isaa in bal'ise;iddoo qulqullaa'aalafa wal ga'ii saba Waaqayyoo,isa warri kaan akka hin linne dhowwaman keessa,sabni lafa irraa utuu lixaniinamoonni ishee in argan*.
11Sabni ishee hundinuuaadaa buddeena in barbaadu,ittiin of oolchuudhaaf,qabeenya isaanii isa miidhagaadhaanmidhaan in geddaratu;mandarattiinis, ?Yaa Waaqayyo,ani attam akkan tuffatamemee ilaali![3]
13Inni ol waaqa irraa lafee koottiibidda in erge,ibiddichis lafee kootti in dhaga'ame;kiyyoo miilla koo dura kaa'ee,ittiin gara booddeetti na deebise;bara koo hundumaa kopha-galeessa na godheena dhukkubsachiise*.
14Waanjoon irra-daddarbaa kootiianatti hidhamee jira,isatu harka isaatiinmorma kootti gudunfe;inni waanjoo isaa ana irra in kaa'e,ulfina waanjichaa irraa kan ka'e anis nan dadhabe;Waaqayyotu diinota kootti dabarsee na kenne,anis isaan duradhaabachuu hin dandeenye.
15Gooftichi dallaa koo keessatti, loltoota koowarra jajjaboo lafatti in dhidhiite,dargaggoota koo caccabsuudhaafishumna waraanaa anatti in waame;akka nama ija waynii irraejjetee cuunfuuttisdurboota Yihudaa irra in ejjete*;
16ani kanaafan imimmaan koodhangalaasee boo'a,kan na jajjabeessu,kan lubbuu anatti deebisus hin jiru;diinni waan harka fudhateef,ilmaan koo in hiyyooman? in jetti.[4]
17Xiyoon harka ishee in bal'ifti,kan ishee jajjabeessu garuu hin jiru;sanyii Yaaqoobitti olloonni isaaniidiinota akka ta'aniif,Waaqayyo isaanitti in kaasa;Yerusaalemis isaan gidduuttiakka wanta xuraa'aa in taati*.
18Isheen, ?Anatu abboommii isaa irradarbe malee,Waaqayyo qajeelaa dha;isin saba nana, hundumti keessan dhaga'aa,dhiphina koos ilaalaa!Durboonni koo fi dargaggoonni koo in booji'aman*;
19warra dur na jaallatan nan waammadhe,isaan garuu anaafbirmachuu in didan;luboonni koo fi maanguddoonni kooittiin of oolchuudhaafmandara keessaa nyaata utuu barbaaddataniiachitti in dhuman.
21?Yommuu ani aadu namoonni dhaga'aniiru,kan na jajjabeessu garuu hin turre;diinonni koo hundinuurakkachuu koo dhaga'aniiru,ati akkas na gochuu keettis gammadaniiru;isaanis akka koo akka ta'aniif,guyyaa isa, ?In dhufa?jette sana fidi*!
22Hamminni isaanii hundinuusi duratti haa mul'atu!Aadnaan koo baay'ateewaan na gaggabseef,akkuma irra-daddarbaa koohundumaaf jettee ana irratti hojjette,isaan irrattis akkasuma hojjedhu!? in jetti.[6]