Faaruu Ermiyaas 3:1-66 GAZB1997 - Bible AI

1Ani nama ulee dheekkamsa isaatiin adabamee rakkina argee dha;

2inni na ari'ee iddoo ifni hin jirre dukkana keessa akkan jiraadhu in godhe.

3Dhugumaan anatti gara galee, guyyaa hundumaa harka isaatiin na rukuta.

4Inni foon koo fi gogaa koo in kukkute, lafee koos in caccabse.

5Karaa hundumaa na naannessee, rakkinaan jireenya koo anatti in hadheesse;

6akka warra dur du'anii awwaalamanii, dukkana keessa na jiraachise*.[12]

7Akkan jalaa hin baaneef naannessee dallaa anatti in ijaare, funyoo sibiilaa isa ulfaataadhaanis na hidhe;

8hamma fedhe illee gara isaatti yoon iyyadhe, gargaarsaafis yoon isa kadhadhe, inni kadhata koo hin dhaga'u*.

9Inni dallaa dhagaa soofamaadhaan ijaarameen karaa anatti in cufe; karaa jireenya kootiis in jajali'se.[13]

10Inni akka amaaketa nama gaaduu fi akka leenca dhokatee waa eeggatuu waan anatti ta'eef*,

11karaa koo irraa na kaachisee reebee na bulleesse, bakkeettis na gatee adeeme;

12iddaa isaa dhifatee, booddee isaas anatti in qajeelfate*.[14]

13Inni xiyya mann'ee isaa keessaa luqqisee ittiin kalee koo waraane*;

14ani saba koo hundumaaf nama kolfaa nan ta'e, guyyaa hundumaas isaan waa'ee koo in weeddisu*;

15inni nyaata hadhaa'aa na quubse, dhugaatii hadhaa qabuunis na macheesse*.[15]

16Inni cirrachaan ilkaan koo caccabsee, awwaara keessa na gangalche;

17lubbuu koo nagaa in dhabsiise, jireenyi gaariinis maal akka ta'e nan wallaale;

18kana irratti, ?Ulfinni koo, wanti ani Waaqayyo biraa abdadhe hundinuus in sokke? nan jedhe.

19Rakkina koo fi joora koo, nyaata hadhaa'aa quufuu koo fi, dhugaatii hadhaa qabuun machaa'uu koo nan yaadadha;

20ani kana yeroon yaadadhu hundumaatti, lubbuun koo na keessatti in xinnaatti;

21kana hundumaa yaadu keessaa immoo ani abdii qaba.

22Araarri Waaqayyoo dhuma waan hin qabneef, gaarummaa isaa irraa kan ka'e badiisa keessaa baraaramne*.

23Araarri isaa ganama ganama in haareffama, amanamummaan isaas baay'ee dha;

24egaa ani, ?Waaqayyo qooda koo ti, kanaafis isa nan abdadha? nan jedha*.[16]

25Waaqayyo warra isa abdataniif, warra isa barbaaddataniifis gaarii dha;

26cal jedhanii fayyisuu Waaqayyoo eeggachuun gaarii dha*;

27namni bara dargagummaa isaatti waanjoo ittiin barsiifamu baachuun isaaf gaarii dha.[17]

28Yeroo Waaqayyo waanjicha isa irra kaa'us kophaa isaa calluma jedhee taa'ee haa eeggatu*!

29Tarii abdii qaba ta'a, kanaaf afaan isaa qabatee haa taa'u!

30Maddii isaa warra isa kabalanitti haa qabu, ceephoos obsaan haa baatu*![18]

31Waaqayyo bara baraan isa hin gatu;

32Waaqayyo gadda yoo namatti fide iyyuu, akka baay'ina gaarummaa isaatti deebi'ee immoo in araarama*;

33inni namoota rakkisuutti yookiis dhiphisuutti hin gammadu.[19]

34Warri aboo qaban, warra biyya lafaa keessatti hidhaman hundumaa miilla isaanii jalatti yommuu dhidhiitan,

35aabba isa hundumaa gara irraa duratti firdii yommuu nama dhowwatan,

36firdii qajeelaas nama duraa yommuu jal'isan, Waaqayyo kana hundumaa in arga mitii ree?

37Utuu Waaqayyo hin abboomin, eenyutu waa dubbatee taasisuu danda'a ree*?

38Wanti hamaan yookiis wanti gaariin akkuma aabba inni waan hundumaa gara irraa jiru dubbatutti in ta'a mitii ree*?

39Namni utuu hin du'in sababii cubbuu isaatiif yommuu adabamu maaliif guunguma ree?[20]

40Egaa kottaa karaa keenya qorree in ilaallaa, gara Waaqayyoottis in deebina!

41Kottaa yaada keenyaa fi harka keenya gara Waaqayyo isa waaqa irra jiruutti ol qabnee,

42?Nuyi abboommii kee irra daddarbineerra, siif abboomamuus dinneerra, atis immoo cubbuu keenya nuuf hin dhiifne*.[21]

43?Ati nutti aartee, nu ariitee, nu gogorraate, oo'as akka ati nutti hin argisiifneef aariitu si golboobe;

44kadhanni keenya si bira akka hin geenyetti, duumessa ofitti in golgite;

45saba warra kaan keessatti kosii haramee gatame nu goote.

46?Diinonni keenya hundinuu afaan isaanii bal'isanii nutti bananiiru;

47naasuunii fi boolla keessatti kufuun nu irra in ga'e, diigamuunii fi baduunis nu argate? in jenna.

48Mandarri saba kootii waan diigamteef, imimmaan koo akka bishaanii in dhangala'a.

49Imimmaan koo utuu gargar hin citin in dhangala'a, iji koos boqonnaa hin qabu;

50kunis hamma Waaqayyo waaqa irraa gad ilaalee na argutti itti in fufa;

51iji koo wanta durboota mandara kootii irra ga'e arguun isaa ana in gaddisiisa*.[22]

52Diinonni koo sababii malee, akka nama gogorrii adamsuutti na adamsan;

53isaan na awwaalanii dhagaa na irratti gara galchuu in yaalan*;

54yommuu bishaan mataa koo irra gara gale, kan koo kanumaan citeen se'e*.[23]

55Yaa Waaqayyo! Ani boolla gad fagoo keessaa maqaa kee nan waammadhe;

56ati sagalee koo dhageesseetta, yommuu ani gargaarsaaf sitti iyyadhu, ati gurra kee ana irraa achi hin qabin!

57Yommuun si waammadhe, ati immoo anatti dhi'aattee, ?Hin sodaatin!? naan jette.

58Yaa gooftaa! Ati dhimma koo anaaf ilaaltee, jireenya koos in furte.

59Yaa Waaqayyo! Ati hammina ana irratti hojjetame argiteetta, kanaaf ati anaaf faradi!

60Ijaa baafachuudhaaf waan isaan hojjetan hundumaa, wanta hamaa isaan ana irratti koratan hundumaas argiteetta.

61Yaa Waaqayyo! Ga'oo isaan anatti ga'isan, wanta hamaa isaan anatti koratan hundumaas dhageesseetta;

62dubbii warri ana irratti ka'an dubbataniif, yaada isaan guyyaa hundaa ana irratti yaadan beekta.

63Kunoo! Isaan yommuu taa'anii fi yommuu ka'an weedduudhaan anatti in ga'isu*.[24]

64Yaa Waaqayyo! Ati akka hojii isaaniitti wanta isaaniif ta'u in kennitaaf*;

65abaarsi kee akka isaanitti dhufutti, boqu-jaboota isaan godhi!

66Aariidhaan isaan ari'ii, bantiiwwan waaqaa kee jalaa isaan balleessi![25]

e>