10badiisi saba kootti yommuu dhufedubartoonni gara-laafeyyiin iyyuumucoolii isaanii harka isaaniitiinaffeelanii in nyaatan*.
11Waaqayyo dheekkamsa isaa saba koo irrattigad in dhiise,aarii isaa isa boba'aasisaan irratti in dhangalaase;Xiyoonitti ibidda qabsiisee,hamma hundee isheetiitti ishee in gube*.
12Mootonni lafa irraa fisabni lafa irraa hundinuu,diinonnii fi warri ishee jibbandallaa Yerusaalem keessalixuu akka danda'an hin amanne;
13haa ta'u iyyuu malee,sababii cubbuu raajota isheetii fiyakka luboota isheetii isa isaandhiiga nama qajeelaaishee keessatti dhangalaasaniifkun in ta'e*.
14Amma isaan akka jaamotaakaraa keessa in jooru,dhiiga dhangalaasuudhaanwaan xuraa'aniif,namni uffata isaaniitti illeebu'u hin jiru;
15namoonnis, ?Isinwarra xuraa'oo nana, sokkaa!Sokkaa waan tokkotti iyyuu hin bu'inaa!?jedhanii isaanitti in iyyu;yommuu isaan baqatanii sokkan immoosaba lafa irraa keessaa gar-tokko,?Isaan kun itti fufaniias jiraachuuhin danda'an? isaaniin in jedhu*.[27]
16Waaqayyo ofii isaatii isaan in tamsaase,deebi'ees isaan arguu hin barbaanne;namoonnis lubootaafulfina hin kennine,jaarsoliittis faara hin tolle*.
21Yaa namoota mandara Edoom,warra biyya Uz keessa jiraattanii,gammadaa ililchaa!Garuu xoofoon dheekkamsaa kunisinittis immoo in darba;isa keessaas dhugdanii machooftaniiqullaa in buuftu*.
22Egaa yaa namoota Edoom!Waaqayyo sababii yakka keessaniitiifisin in adaba,cubbuu keessanis bakkeetti in baasa;yaa namoota Xiyoon, adabnisababii yakka keessaniitiifisinitti dhufe raawwatameera;Waaqayyo si'achi biyyaa isin hin baasu*.[28]