Faaruu Ermiyaas 5:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo wanta nu irra ga'e yaadadhu! Kunoo, yeellaasifamuu keenyas ilaali!

2Dhaalli keenya kan ormaa ta'e, manneen keenyas alagaatu fudhate.

3Nuyi ijoollee hiyyeeyyii abbaan irra hin jirre taane, haadhotiin keenyas haadha hiyyeessaa ta'an;

4bishaan horiidhaan bitannee dhugna, qoraanis horii malee hin argannu.

5Warri nu ari'an faana keenya irra bu'anii nu qaqqabu, nuyi dadhabneerra isaan garuu boqonnaa nuuf hin kennan.

6Buddeena quufuudhaaf jennee, warra Gibxii fi warra Asoritti of in kennine*.

7Abboonni keenya warri dur cubbuu hojjetan, har'a hin jiran; nuyi garuu amma iddoo isaanii adabamaa jirra*.

8Garboonni nu irratti in mo'an, namni isaan jalaa nu baasu garuu hin jiru.

9Lafa onaa keessa warri nama ajjeesan waan jiraniif, nuyi buddeena keenya illee lubbuu keenya gannee arganna;

10beela irraa kan ka'e gogaan dhagna keenyaa illee gugubatee, akka giimii ibiddaa in ta'e.[29]

11Dubartoonni Xiyoon keessatti, durboonnis mandaroota Yihudaa keessatti in yeellaasifaman;

12angafoota biyyaa harka isaaniitiin in fannisan, jaarsoliidhaaf ulfina hin kennine*;

13dargaggoota daakuu in daaksifatan, ijoollota immoo qoraan guursifatanii, ba'aa ulfaataa jalatti akka kukkufan in godhan;

14jaarsoliin, yaa'ii karra mandarichaa dhiisanii in adeeman, dargaggoonnis sagalee faarfannaa dhageessisuu in dhiisan.

15Garaan keenya gammachuu in dhabe, sirbi keenyas gaddatti in diddiirame;

16nuyi cubbuu waan hojjenneef, ulfinni keenya nu irraa godaaneera'o, nuuf wayyoo!

17Onneen keenya dhukkubsatee, iji keenyas dimimmisaa'uun,

18sababii tulluun Xiyoon onee, waangonni achi irra yaa'aniif ture.[30]

19Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan in moota, teessoon kees dhalootaa hamma dhalootaatti in jiraata*;

20ati maaliif bara kana hundumaa nu irraanfatte? maaliifis yeroo dheeraa hammana ga'uuf nu gatte?

21Yaa Waaqayyo, gara kee akka dhufnutti ati ofii keetii nu deebisi! Ulfina keenya duriis nuuf deebisi*!

22Yoo kanaa achii baay'ee nutti aaruu kee ti, raawwattees nu gatuu kee ti.[31]

e>