1Ani Phaawulos, Kristos Yesusiif jedhee hidhamee utuun jiruu, Ximotewos obboleessa keenyaa wajjin, gara Filemon jaallatamaa hojiittis hidhata keenya ta'eetti*,
2akkasumas gara obboleettii keenya Aaphifiiyaatti, gara Arkiphos isa wal'aansoo keessatti hidhata keenya ta'eetti, gara waldaa mana keetti walitti qabamuuttis, kana caafuu koo ti*.
3Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!
4Yeroon kadhata koo keessatti maqaa kee dha'u hundumaatti Waaqayyo koo nan galateeffadha*.
5Jaalalaa fi amantii ati gooftaa Yesusii fi, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis qabdu dhaga'eera*.
6Wanta gaarii ta'ee nu keessatti Kristosiif hojjetu hundumaa hubattee, hojii amantii keessaa hirmaachuu kee caalaa akka mul'iftuuf nan kadhadha*.
7Yaa obboleessa ko, ati warra Waaqayyoof qulqullaa'an garaa ciibsiteetta; kanaanis ani jaalala kee keessaa gammachuudhaaf jajjabina baay'ee argadheera*.
8Ani waan gochuun siif ta'u si abboomuudhaaf karaa Kristos ija jabina illee qaba;
9garuu ani Phaawulos jaarsichi, ammas Kristos Yesusiif jedhee kanan hidhame, jaalalaaf jedhee si gorsuu nan fo'adha*.
10Waa'ee ilma koo Oneesimos isa ani mana hidhaa keessa taa'ee abbaa ta'eefii, sin dhageessifadha*.
11Innis dur siif dhimma kan hin baafne ture; amma garuu siif, anaafis dhuguma dhimma kan baasuu dha.
12Isa deebisee gara keetti ergeera, garaan koos isa duukaa dhufeera.
13Ani illee wangeelaaf jedhee yeroo ani hidhamee jiru kanatti, qooda kee akka inni anaaf hojjetuuf of bira tursiisuu barbaadeen ture*.
14Garuu hojii gaariin ati hojjettu giddiidhaan utuu hin ta'in fedha garaa keetiitiin akka ta'uuf, yaada kee duuba ani waan tokko illee gochuu hin jaallanne*.
15Tarii yeroodhaaf si irraa gargar ba'uun isaa yeroo hundumaa ati akka isaa wajjin haftuuf ta'a.
16Si'achi akka obboleessa jaallatamaa isa garbichaa oliitti isa fudhadhu malee, akka garbichaatti miti; anaaf iyyuu erga akkas jaallatamaa ta'ee, siif immoo namummaa isaatiin, gooftaattis attam caalchisee siif haa ta'u ree*?
17Ammas ani hidhata kee ta'uu koo kan yaaddu erga ta'ee, ana akka na simtutti Oneesimosin simadhu.
18Inni waa sitti balleessee yoo jiraate yookiis gatii yoo isa irraa qabaate anatti lakkaa'i!
19Ani Phaawulos ?Gatii isa irraa qabdu siifan baasa? jedhee kana harka kootiin caafuu koo ti; kana malees oolchaa kootiif akka ati ofii kee gatii gootee anaaf baasuun si irra jiru sitti himuu ana hin barbaachisu*.
20Egaa yaa obboleessa ko, maqaa gooftaatti dhimma kana anaaf raawwadhu! Kristosiif jedhiitii garaa na ciibsi.
21Waan ani sitti himu irra caalchiftee hojjechuu kee beekee, abboomamuu kees amanadhee, kana siif caafeera.
22Achumaan immoo kadhata keessaniin Waaqayyo isiniif na kenna jedhee waanan abdadhuuf, iddoo buufataa anaaf qopheessi*!
23Ephafraas, maqaa Kristos Yesusiif jedhee anaa wajjin hidhamee kan jiru nagaa siif dhi'eessa*.
24Maarqos, Arisxaarkos, Deemaas, Luqaasis hojiitti hidhata koo kan ta'an nagaa siif dhi'eessu*.
25Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u.