GARA IBROOTAA 10:1-39 GAZB1997 - Bible AI

1Seerichi garuu gaadidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti malee, bifa dhugaa isa isaan ittiin mul'atan miti; inni karaa aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin citin dhi'eeffaman sanaa, warra dhi'aatan fiixaan kan ba'an gochuu matumaa hin dandeenye*.

2Warri Waaqayyoof sagadan yeroo hundumaaf akka ta'utti, al tokkicha dhuguma cubbuu isaaniittii utuu qulleeffamaniiru ta'ee, cubbuun isaanii yaada garaa isaaniitti waan hin dhaga'amneef, aarsaa dhi'eessuun in hafa ture mitii ree?

3Amma garuu aarsaa waggaa waggaatti dhi'aataniin namoonni cubbuu isaanii in yaadatu*.

4Dhiigni korommii fi re'ootaa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matumaa hin danda'u*.[39]

5Kanaaf Kristos gara biyya lafaa yommuu dhufe, ?Ati aarsaa, kennaas hin jaallanne, garuu dhagna abboomamuu anaaf qopheessiteetta.

6Ati kennaa qalmaa isa gubamutti, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuttis hin gammanne;

7kanaaf ani immoo, ?Macaafa maramu keessatti waa'ee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera? nan jedhe? jedhee dubbate*.[40]

8Utuma isaan kun akka seerichi abboomutti dhi'aatanii iyyuu, kana gara irraatti, ?Ati aarsaa, kennaas, kennaa qalmaa isa gubamu, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatus hin jaallanne, ittis hin gammanne? jechuu isaa argineerra.

9Itti dabalees immoo, ?Kunoo ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera? jedheera; kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuudhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhe*.

10Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhagni Yesus Kristos yeroo hundumaaf akka ta'utti, al tokkicha aarsaa ta'ee dhi'eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof qulqulleeffamneerra*.[41]

11Lubni guyyaa guyyaan dhaabatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi'ee in dhi'eessa*.

12Kristos garuu al tokko aarsaa dhi'eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa'e*.

13Achi taa'ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti in eeggata*.

14Al tokkicha aarsaa dhi'eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf akka fiixaan ba'an godheera.[42]

15Hafuurri qulqulluunis immoo waa'ee kanaa dhugaa nuuf ba'a.

16Inni duraan dursee,

16?Guyyoonni sun yeroo ga'an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ?Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa'a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa isa jedhuu dha? jedha gooftichi? jedhee dhugaa ba'eef*.

17Itti dabalees, ?Waaqayyo, ?Ani cubbuu isaanii, jal'ina isaaniis deebi'ee hin yaadadhu? jedheera? jedhe*.

18Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu in hafa.[43]

19Egaa yaa obboloota ko! Yesus dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti galuudhaaf ija jabina qabna*.

20Inni foon isaatiin karaa haaraa, karaa yeroo hundumaa jiraatu golgaa sana keessa nuuf bane*.

21Lubicha guddicha isa manni Waaqayyoo itti kenname qabna*.

22Kanaafis nuyi warra yaadni garaa isaanii hamminattii qulleeffame, dhagni isaaniis bishaan qulqulluudhaan dhiqame taanee, kottaa garaa dhugaadhaan, amantii guutuudhaanis Waaqayyootti in dhi'aannaa*!

23Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha; kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamnaa*!

24Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa*!

25Akka jara tokkotti amala ta'e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhi'aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina*.[44]

26Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee, jaallannee beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu si'achi hin jiru*.

27Firdiinii fi ibiddi hinaaffaa inni warra Waaqayyoon morman gubu garuu, sodaadhaan eeggatamaa jiru*.

28Namni seera Musee hojii irra akka hin oolle godhe, dhuga-baatonni lama yookiis sadii erga dhugaa itti ba'anii oo'a malee in ajjeefama*.

29Nama ilma Waaqayyootti miilla haxaa'atuuf, nama dhiiga kakuu isa ittiin qullaa'e sana waan xuraa'aatti lakkaa'uuf, hafuura ayyaana namaaf kennu isa arrabsuufis, adaba isa irra hammaatu hammamiitu isaaf mala jettanii yaaddu ree*?

30Nuyi, ?Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa? akkasumas immoo, ?Gooftichi saba isaa firdiitti in dhi'eessa? isa jedhe sana in beekna*.

31Waaqayyo isa jiraataa harka bu'uun guddaa sodaachisaa dha*.[45]

32Guyyoota jalqaba itti ifa argatanii, wal'aansoo guddaa dhiphina of keessaa qabu obsaan dandeessan sana yaadadhaa*!

33Isin keessaa kaan mul'inatti arrabsamanii rakkataniiru; kaan immoo hidhata warra mul'inatti arrabsamanii rakkatanii turan*.

34Isin warra hidhamanii wajjin dhiphattaniittu; qabeenya isa caalaa wayyuu fi isa hin darbine akka qabdan waan beektaniifis, saamamuu qabeenya keessanii gammachuudhaan fudhattaniittu*.

35Ammas amanachuu keessan isa gatii guddaa qabu hin gatinaa!

36Jaalala Waaqayyoo gootanii, isa Waaqayyo abdachiise argachuudhaaf obsaan danda'uun isin in barbaachisa*.

37Caaffanni qulqullaa'aan,

37?Yeroo xinnoo isheetu jira, inni dhufuuf jiru sunis, in dhufa malee hin turu*;

38inni qajeelaan kan kootii, amantiidhaan jireenya dhugaa in argata; namni yoo dugda anatti gate garuu, garaan koo itti hin gammadu? in jedha*.

39Nuyi warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha malee, warra badiisaaf dugda isatti gatan miti*.[46]

>