GARA IBROOTAA 11:1-40 GAZB1997 - Bible AI

1Amantiin waan abdatan ?Dhuguma in ta'a? jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti ?Jira? jedhanii lakkaa'uu dha*.

2Sababii amantiitiif Waaqayyo biraa namoota bara duriitiif dhugaa ba'ameeraaf*.

3Waaqnii fi biyyi lafaa sagalee Waaqayyootiin akka uumaman amantiidhaan in hubanna; akkasittis wanti ijaan argamu wanta hin mul'anne irraa hojjetame*.[47]

4Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin irra caalu Waaqayyoof dhi'eesse; Waaqayyo kennaa isaa fudhatee isaaf dhugaa ba'eera. Abeel amantii isaatiin qajeelaa akka ta'es dhugaa ba'ameeraaf; inni in du'e, garuu karaa amantii isaatii amma iyyuu dubbachaa jira*.

5Henok du'a ijaan iyyuu akka hin arginetti amantiidhaan ol fudhatame; Waaqayyo waan isa fudhateefis hin argamne; ol fudhatamuu isaa dura immoo, Waaqayyoon gammachiisuun isaa dhugaa ba'ameeraaf*.

6Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi'aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.

7Nohi amantiidhaan isa Waaqayyo waa'ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin mul'anneetiif akeekkachiise dhaga'ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfate; amantii isaatiin immoo biyya lafaatti yakka muree, qajeelina amantiidhaan argamus qabeenya isaa in godhate*.[48]

8Abrahaam biyya isaatii ba'ee, biyya itti darbee akka fudhatuuf isaaf yaadame tokko akka dhaquuf yeroo waamametti, amantiidhaan in abboomame; eessa akka dhaqu utuu hin beekinis in ba'e*.

9Amantiidhaan akka ormaatti biyya isaaf abdachiifame sana keessa buufate; Yisihaqii fi Yaaqoob warri isaa wajjin laficha akka argataniif abdachiifaman isa booddeedhaan akkuma jiraatan, innis godoo keessa jiraate*.

10Inni mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture*.

11Inni abdii kenneef amanamaa akka ta'e, Abrahaam fudhatee waan tureef, Abrahaam inni barri isaa darbe iyyuu, Saaraan isheen dhala godhachuu hin dandeenyes amantiidhaan dhala godhachuuf humna argatan*.

12Kanaafis sanyiin akka urjoota waaqa keessaa baay'atan, warri akkuma cirracha qarqara galaanaa lakkoobsa hin qabnes, namicha isa akkuma waan du'ee ture tokkicha sana irraa, dhalatan*.[49]

13Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne ta'an iyyuu, amantii isaanii utuu hin dhiisin du'an; garuu isa abdachiifaman fagootti ilaalanii simachuudhaaf itti gammadaniiru, biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu akka turan beekaniiru*.

14Namoonni wanta akkasii beeksisan biyya ofii isaanii yaadaa akka jiran in argisiisu.

15Biyya isa keessaa ba'an sana in yaadu utuu ta'anii, itti deebi'uuf fucha in argatu turan.

16Amma garuu isaan biyya isa sana irra wayyu hawwaan in yaadu, innis isa waaqa irraa ti; kanaafis Waaqayyo, inni achitti mandara isaaniif qopheesse, Waaqayyo isaanii jedhamee waamamuutti hin yeella'u*.[50]

17Abrahaam yeroo ilaalamuuf qorametti, amantiidhaan Yisihaqin aarsaadhaaf dhi'eesse; isuma deddeebi'ee abdii argate sanatus ilma isaa isa tokkicha aarsaa dhi'eessuuf qophaa'e*.

18Ilmi isaas, isa, ?Yisihaqiin sanyiin siif in lakkaa'ama? jedhamee itti dubbatamee turee dha*.

19Waaqayyo warra du'an keessaa iyyuu nama kaasuu akka danda'u, Abrahaam yaada irra kaa'atee ture; ammas fakkeenya kanaatiin ilma isaa warra du'an keessaa deebisee akka argatetti in lakkaa'ama*.[51]

20Yisihaq amantiidhaan wanta gara fuula duraatti ta'uuf jiru dubbatee, Yaaqoobin, Esaawuus eebbise*.

21Yaaqoob yeroo du'uuf jedhetti mataa dhaabata isaatiitti hirkatee, gugguufee utuu sagaduu, amantiidhaan ilmaan Yoseef adduma addaan eebbise*.

22Yoseef dhuma jireenya isaa jala, sabni Israa'el akka achii ba'an amantiidhaan yaadatee dubbate, waa'ee awwaala lafee isaatiis isaanitti himate*.[52]

23Yeroo Museen dhalate, abbaan isaa fi haati isaa mucichi akka nama gammachiisu waan arganiif, amantiidhaan ji'a sadii isa dhoksan; isaan ajaja mootichaas hin sodaanne*.

24Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Fara'oon jedhamee waamamuu dide*.

25Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu fo'ate.

26Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa'ateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaa'ate*.

27Inni amantiidhaan dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin biyya Gibxii ba'e; isa ijaan hin argamne akka waan arguttis yaada isaatti jabaate*.

28Inni amantiidhaan Faasiikaan akka ayyaaneffamu godhe, ergaan inni angafa kan ta'e hundumaa fixu sun akka isaanitti hin buunetti, dhiigicha balbalatti dibsiise*.[53]

29Sabni Israa'el amantiidhaan akka nama lafa gogaa irra adeemutti galaana diimaa ce'an; warri Gibxi akkuma isaanii gochuu yeroo yaalanitti garuu in liqimfaman*.

30Warri Israa'el amantiidhaan Yerikoo marsanii, guyyaa torbaaf erga itti naanna'anii booddee, masaraan isaa in jige*.

31Rahaab ejjituun warra gaadduu sana nagaadhaan waan simteef, amantiidhaan oolte malee, warra abboomamuu didanii wajjin hin balleeffamne*.[54]

32Kana caalaas dubbachuu na barbaachisaa ree? Waa'ee Gedewoon, Baaraq, Saamson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin ga'u*.

33Isaan keessaa kaan amantiidhaan mootummoota mo'anii, kaan waan qajeelaa hojii irra oolchanii, abdii argatanii, kaanis afaan leencotaa cufaniiru*.

34Kaanis ibidda olotu dhaamsanii, qara billaa jalaa ba'anii, dadhabbii keessaa jabina argatanii, lolatti jaboo ta'anii, loltuu warra ormaas baqachiisaniiru*.

35Dubartoonni namoota isaanii warra duraa du'an, du'aa kaafamnaaniif deebisanii fudhataniiru. Warri kaanis jireenya isa wayyuuf du'aa akka ka'aniif, gad dhiifamuu didanii harka warra isaan dhiphisaniitti dhiphatanii du'an*.

36Warri kaan ga'oof ta'an, in reebaman, funyoo sibiilaatiin iyyuu hidhamanii, mana hidhaatti in galfaman*.

37Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman*.

38Biyyi lafaa warra akkasiif kan hin malle ture; amma garuu isaan biyya lafaa kanaaf kan hin malletti lakkaa'amanii, lafa duwwaa fi tulloota irra in jooran, holqaa fi boolla lafaa keessa jiraatan.[55]

39Isaan kun hundinuu amantii isaaniitiif yoo dhugaa ba'ameef iyyuu, isa abdachiifame sana hin arganne*.

40Waaqayyo duraan dursee wanta wayyu argee waan nuuf qopheesseef, isaan nuu wajjin malee kophaa isaanii fiixaan akka hin baane godhe*.[56]

>