1Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa qabna; kanaafis kottaa wanta ba'aa nutti ta'u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa*!
2Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e*.
3Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin mormuu cubbamootaa isa obsaan danda'e sana yaadatti qabadhaa*!
4Cubbuudhaan wal'aansoo qabuu keessan keessatti ammuma iyyuu dhiigni keessan hamma dhangala'uu ga'utti jabaattanii hin dhaabanne*.
5Sagalee gorsaa isa Waaqayyo akka ilmaaniitti isinitti dubbatu irraanfattaniittuu ree? Inni,
6
7Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda'aa! Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta'u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kami ree?
8Adaba hundinuu barsiifamuudhaaf argatan keessaa, utuu hin argatin yoo haftan garuu, isin ilmaan abbaa hin beekamneettii dhalattan malee, dhuguma ilmaan isaa hin taatan*.
9Kana malees, abboota lafa kana irratti barsiisuuf nu adaban qabna; nus isaan in safeeffanna. Abbaa keenya isa hafuuraaf immoo caalchifnee abboomamnee jireenya argachuun nuuf hin ta'uu ree*?
10Isaan sun bara gabaabduudhaaf akka isaanitti gaarii fakkaatetti barsiisuudhaaf nu adaban; inni kun garuu qulqullummaa isaa keessaa qooda qabaachuuf akka waa'ee nuuf baasutti barsiisuuf nu adaba.
11Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta'a*.
12Kanaafis harka keessan isa bushaa'aa, jilba keessan isa mudhukaas jabeessaa*!
13Miilla keessaniif akka ta'utti irra adeemuudhaaf daandii qajeelaa godhadhaa; yoos miilli inni naafate in fayya malee, iddoodhaa hin kaatu*.
14Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa! Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa*!
15Isin keessaa namni tokko illee ayyaana Waaqayyoo akka hin dhabne, ?Wanti akka hidda hadhaa'aas? isin gidduutti biqilee rakkina akka hin kaafne, baay'eenis ittiin akka hin xuroofneef eeggadhaa*!
16Namni tokko illee akka Esaawuu isa angafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurguree, nama halalummaatti jiraatu yookiis nama wanta qulqullaa'aadhaan mormu hin ta'in*!
17Booddee garuu Esaawuun eebba argachuu yommuu barbaadetti akka irraa gatame in beektu; deebisee argachuudhaaf boo'ichaan yoo barbaade iyyuu, yaada isaa geddaruudhaaf karaa hin arganne*.
18Isin tulluu isa harkaan qabamuu danda'u, isa ibiddi boba'aan, aarri dukkaneessu, dukkanni, bubbeen irra turan bira hin geenye*.
19Isin sagalee malakataatti, sagalee guddisee dubbatuttis hin dhi'aanne; yeroo sagaleen kun dhaga'ames, warri dhaga'an sagaleen kun akka dabalee isaanitti hin dubbanne in kadhatan*.
20Abboommiin, ?Horiin illee tulluu sanatti yoo buute, dhagaadhaan rukutamtee haa duutu!? jedhu sun, waan isaanitti ulfaateef, isa baachuu hin dandeenye*.
21Wanti achitti argame sunis guddaa sodaachisaa waan tureef Museen iyyuu, ?Baay'ee sodaadheetan holladhe? jedhe*.
22Haa ta'u iyyuu malee, tulluu Xiyoon, mandara Waaqayyoo isa jiraataa, Yerusaalem ishee waaqa irraa, cidha ergamoota kumaatamaa bira ga'uu keessan*.
23Waldaa angafoota warra maqaan isaanii waaqa irratti caafamee, Waaqayyo abbaa firdii namoota hundumaa, lubbuu qajeelota warra fiixaan ba'anii bira ga'uu keessan*.
24Yesus isa gidduu galee Waaqayyoo fi namoota gidduu kakuu haaraa dhaabe, dhangala'uu dhiigaa isa dhiiga Abeel caalaa wanta wayyu dubbatu biras ga'uu keessan*.
25Ammas isa dubbachaa jiru kana jalaa akka hin dinne of eeggadhaa! Warri isa dhaamsa Waaqayyoo biyya lafaa kana irratti isaanitti hime didan, jalaa ba'uu erga dadhabanii, nuyis isa waaqa irraa nutti dubbatu irraa yoo garagalle, caalaatti isa jalaa ba'uu in dadhabna*.
26Yeroo sana sagaleen isaa lafa sochooseera; amma garuu, ?Ammas al tokko lafa sochoosuu duwwaa utuu hin ta'in, waaqas immoo nan sochoosa? jedhee abdachiiseera*.
27?Ammas al tokko? inni jedhe, wanti raafamuu hin dandeenye hafee akka jiraatutti, wanti uumame hundinuu raafamee iddoodhaa butachuu isaa in mul'isa.
28Egaa nuyi mootummaa raafamuu hin dandeenye waan fudhannuuf, kottaa warra galata galchan in taanaa! Kanaanis kottaa akka isa duratti fudhatamutti ulfinaa fi sodaadhaan Waaqayyoof in sagannaa*!
29Waaqayyo keenya ibidda xaph godhuu dha*.