1Kanaafis nuyi karaa irraa akka hin gorreef, dubbii isa dhageenye kana caalchifnee yaadaan duukaa bu'uun in barbaachisa.
2Dubbiin ergamoota Waaqayyootiin dubbatamee fudhatamaa ta'e, namni isa irra daddarbe yookiis namni isaaf dhaga'uu dide hundinuus adaba isaaf ta'u in argate*.
3Yoos immoo nuyi fayyina guddaa akkasii isa gooftaan ofii isaatii jalqabatti dubbate tuffannee, attamitti isa jalaa baana ree? Warri isa dhaga'an immoo dubbii kana nuuf cimsaniiru*.
4Kana irrattis Waaqayyo ofii isaatii milikkitaa fi wanta dinqisiisaa karaa garaa garaas hojii aangoo hojjechuudhaan, akka jaalala isaatti kennaa hafuura qulqulluu hiruudhaan, duukaa bu'ee dhugaa ta'uu isaa mul'iseera*.
5Waaqayyo biyya lafaa isa dhufuuf jiru, isa nuyi waa'ee isaa dubbannu harka ergamootaa jala hin galchine.
6Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa iddoo tokkotti dhugaa ba'ee,
7
8
9Haa ta'u iyyuu malee, isa yeroo gabaabaadhaaf ergamootaa gad ta'ee, dhiphatee du'uu isaatiin, amma gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra kaa'ate, Yesusin in argina; kunis ayyaana Waaqayyootiin inni nama hundumaaf du'a miyeeffate akka ilaaluuf ta'e*.
10Waaqayyo inni wanti hundinuu maqaa isaaf, isaanis jiraatu, ilmaan baay'ee gara ulfinaatti geessuudhaaf akeekeera; kanaafis isa fayyina isaaniitiif sababii ta'eef sana, dhiphinaan, geggeessaa waan hundumaa fiixaan baasuu gochuun hojii isaa ture*.
11Egaa inni qulqulleessu warri qulqulleeffamanis hundinuu kanuma abbaa tokkoo ti; sababii kanaaf inni qulqulleessu sun ?Obboloota koo? jedhee isaan waamuu hin yeella'u*.
12Inni, ?Obboloota kootti maqaa kee nan beeksisa, waldaa keessattis sin faarfadha? jedheera*.
13Dabalee immoo, ?Ani isa nan amanadha?; akkasuma immoo, ?Kunoo ani asan jira, ijoollonni Waaqayyo anaaf kennes as jiru? jedheera*.
14Ijoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni ?Obboloota koo? jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e*.
15Warra du'a sodaachuudhaan bara isaanii guutuu garbummaa jala jiraatan hundumaa birmaduu baase.
16Innoo ergamootaaf utuu hin ta'in, sanyii Abrahaamiif in dhimma.
17Kanaafis inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo'a-qabeessaa fi amanamaa ta'uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise*.
18Inni waan ofii isaatii dhiphatee qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in danda'a*.