1Kanaafis yaa obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii! Yesusin ergamaa fi angafa lubootaa, isa amantii keenyaan beeksifnu yaadadhaa*!
2Akkuma Museen guutummaa mana Waaqayyoo keessatti amanamaa ta'e, innis Waaqayyo isa hojii kana irra isa dhaabeef amanamaa ture*.
3Namni mana ijaaru manicha caalaa ulfina akkuma qabu, Yesus, Musee caalaatti ulfina guddaa argachuuf kan male ta'eera*.
4Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha.
5Ammas Museen akka hojjetaatti wanta Waaqayyo dubbachuuf jedhu dhugaa ba'uudhaaf, guutummaa mana Waaqayyoo keessatti amanamaa ture.
6Kristos garuu akka ilmaatti mana Waaqayyoo irratti amanamaa ture; nuyis amanannaa keenyaaf abdii isa ittiin of jajnu jabeessinee yoo qabanne, nuyi mana isaa ti*.
7
8
9
10
11
12Yaa obboloota nana! Isin keessaa tokko illee garaa hamaa isa hin amanne, isa Waaqayyo jiraataa irraa gara galuus akka hin qabaannetti of eeggadhaa*!
13Garuu isin keessaa namni tokko illee gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeessa akka hin taanetti, guyyaan ?Har'aa? inni nuyi sagalee Waaqayyoo itti dhageenyu utuu hin darbin, guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa!
14Nuyi amanannaa keenya isa duraa sana hamma dhumaatti jabeessinee yoo qabanne, warra Kristosittii qooda qaban in taana*.
15Caaffanni qulqullaa'aanoo,
16Warri sagalee Waaqayyoo dhaga'anii isarratti ka'an eenyufa'i? Warruma geggeessaa Museetiin biyya Gibxii ba'an sana mitii ree*?
17Waaqayyo waggaa afurtama eenyufa'itti aare? Warruma cubbuu hojjetanii, lafa onaa keessatti kufanii, reeffi isaanii bakkeetti hafetti mitii ree*?
18Warruma isatti amanuu isaaf abboomamuus didan sana irraa kan hafe, iddoo boqonnaa isaatti akka hin galle eenyufa'itti kakate*?
19Egaa isaan amantii dhabuu irraa kan ka'e, iddoo sanatti galuu akka dadhaban, nuyi in argina*.