1Iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf abdichi amma iyyuu waan hin raawwatamin jiruuf, isin keessaa namni tokko illee booddeetti kan hafe fakkaatee akka hin argamnetti, kottaa sodaachaa in eeggannaa!
2Misraachoo isuma nutti himametu isaanittis lallabame; haa ta'u iyyuu malee, isaan warra amantiidhaan dhaga'anitti waan hin dabalaminiif, dubbichi dhaga'ame sun isaan hin gargaarre.
3Ammas nuyi warri amanne iddoo boqonnaa sanatti in galla. Waaqayyo hojii biyya lafaa uumuu isaatii raawwateera; isaaniin garuu, ?Yeroo dheekkamsa koo sanattis ?Isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan? jedhee kakadheera? jedhe*.
4Waa'ee guyyaa torbaffaatiif immoo iddoo tokkotti, ?Guyyaa torbaffaatti Waaqayyo hojii isaa hundumaattii boqoteera? jedhameera*.
5Yeroo dheekkamsa isaatti immoo, ?Isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan? jedhee dubbateera*.
6Amma warri boqonnaa sanatti galuudhaaf abdii qaban jiru; warri duraan misraachoon itti himame sun immoo sababii amanuu didaniif, iddoo boqonnaa sanatti hin galin hafan*.
7Kana irrattis immoo Waaqayyo guyyaa ?Har'a? jedhamu tokko in dhaaba; akkuma kanaan dura as keessatti yaadachiifame bara dheeraa booddee karaa Daawit, ?Har'a, sagalee Waaqayyoo yeroo dhageessan, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!? in jedha*.
8Iyaasuun iddoo boqonnaa sanatti utuu isaan galcheera ta'ee, Waaqayyo ergasii waa'ee guyyaa kan biraa hin dubbatu ture*.
9Egaa boqonnaan Sanbata Waaqayyoo saba isaatiif amma iyyuu kaa'ameefii jira.
10Namni boqonnaa Waaqayyootti galu, Waaqayyo hojii isaa irraa akkuma boqote, innis immoo hojii isaa irraa in boqota*.
11Kanaafis namni tokko illee akka warra sanaa abboomamuu diduudhaan kufee akka hin hafnetti, kottaa iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf in dhamaana*!
12Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a*.
13Wanti Waaqayyo uume tokko illee isa duraa dhokachuu hin danda'u; wanti hundinuu saaqamaa ija isaa durattis mul'ataa dha; nus waan goone sababii isaa wajjin isatti himuun nu irra jira.
14Egaa angafa lubootaa isa guddicha bantiiwwan waaqaa keessa darbe, Yesus ilma Waaqayyoo erga qabaannee, beeksisa amantii keenyaa jabeessinee in qabanna*.
15Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu*.
16Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaraniif araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi'aanna*.