1Kanaafis kottaa dubbii waa'ee Kristos isa gara jalqabaa dubbachuu dhiifne, gara barsiisa isa warra ga'aniif kennamuutti in darbina. Nuyi waa'ee hojii gara du'aatti geessu irraa yaada garaa geddarachuu, waa'ee Waaqayyotti amanuus deebinee hundee barsiisichaa kaa'uuf miti*.
2Barsiisa waa'ee cuupphaa, waa'ee harka mataa namaa irra kaa'uu, waa'ee ka'uu warra du'anii, waa'ee firdii bara baraa keessa hin deebinu.
3Yoo Waaqayyo jedhes, nuyi isa kaanitti darbuuf jirra.
4Warri ga'an yoo garagalan immoo, attamitti isaan deebisuun danda'ama ree? Isaaniif takka ifeeraaf; isaan kennaa waaqa irraa miyeeffataniiru; hafuura qulqulluuttii hirmaataniiru.
5Gaarummaan dubbii Waaqayyoof humni bara isa dhufuuf jiruu isaanitti dhaga'ameera.
6Warri akkasii kun amantii irraa garagallaan, deebi'anii yaada garaa isaanii geddarachuudhaaf haareffamuu hin danda'an; isaan ofuma isaaniitii ilma Waaqayyoo deebisanii fannisaniiru, mul'inattis isa tuffachiisaniiru*.
7Lafti bokkaa yeroo baay'ee irratti roobu dhugee, biqiltuu warra qotameefiif waa'ee baasu biqilchu, eebba Waaqayyoo in argata*.
8Qoraattii fi baalaanwaraantee yoo baase garuu, abaaramuuf jedha malee, homaa dhimma hin baasu, dhuma irrattis in gubama*.
9Nuyi yoo akkas dubbanne iyyuu, michoota nana, isiniif wanti wayyu fayyina keessanii wajjin akka dhufu in amananna.
10Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan isa isin warra isaaf qulqullaa'an gargaartanii, ammas gargaaruutti jiraachuu keessaniin argisiiftan hin irraanfatu, hin jal'isus*.
11Isinis abdichi guutummaan isaa kan hin mamsiifne ta'uu isaa beektanii, tokkon tokkon keessan isumaaf dhimmuu keessan hamma dhumaatti akka argisiiftan in barbaanna*.
12Isin daagii utuu hin ta'in, fakkeenya warra amantii fi obsaan wanta abdachiifame argachuuf jiranii akka fudhattan in barbaanna*.
13Waaqayyo, Abrahaamiif kakate abdii kenneef; ittiin kakachuudhaaf kan isa irra caalu waan hin jirreef, ofii isaatiin kakate.
14Abdichi inni kakaadhaan kennames, ?Ani dhuguma sin eebbisa, dhuguma sin baay'isas? kan jedhu ture*.
15Abrahaamis akka kanaatti obsee waan Waaqayyo isa abdachiise argate*.
16Namoonni kan isaan irra caaluun in kakatu; kakaan immoo wanta namni walitti falmu dhumaan ga'ee, dubbii dubbatame cimsuudhaaf in ta'a*.
17Waaqayyo akeeki isaa kan hin geddaramne ta'uu isaa, addumaan warra wanta abdachiifame argachuuf jiranitti argisiisuu barbaadee, kakaadhaan isa cimse.
18Waaqayyo, abdii fi kakaa hin geddaramne sobnis keessa hin jirre kana lamaaniin jajjabina cimaa akka argannu barbaade; nuyi warri isatti baqanne abdii isa nu dura kaa'ame kana jabeessinee in qabanna*.
19Akka qofoon sibiilaa markaba qabee dhaabu, nuyis abdii amanamaadhaa fi cimaa lubbuun qabatee dhaabatu qabna; inni iddoo hundumaa irra caalaa qulqulluu gara isa keessaa iyyuu in ga'a*.
20Iddoon sun isa Yesus inni akkuma lubummaa Malkiisedeqitti bara baraan angafa lubootaa ta'e, dura adeemee nuuf lixee dha*.