GARA IBROOTAA 7:1-28 GAZB1997 - Bible AI

1Malkiisedeq kun mootii Saalem, luba Waaqayyoo isa hundumaa gara irraa jiruu ture; gaaf tokko Abrahaam mootota tokko rukutee mo'atees utuu deebi'uu, Malkiisedeq karaatti itti adeemee isa eebbise*.

2Abrahaam immoo waan hundumaa irraa kudhan keessaa tokko qoodeef; Malkiisedeq akka hiikaa maqaa isaatiitti tokkoffaa ?Mootii qajeelummaa ti? akkasumas mootii Saalem, inni immoo, ?Mootii nagaa? jechuu dha.

3Inni abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu; garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta'ee in jiraata*.[26]

4Egaa Abrahaam abbaan qomoo wanta booji'e keessaa kudhan keessaa tokko erga isaaf kennee, Malkiisedeq kun guddaa attamii akka ture kanaan in argitu.

5Sanyii Lewwii ta'anii warri hojii lubummaa fudhatan, kudhan keessaa tokko saba isaanii irraa akka fuudhan, seeraan abboommii qabu; kudhan keessaa tokko sanas warra obboloota isaanii akkuma isaaniis sanyii Abrahaam turan irraa fuudhu jechuu dha*.

6Namichi kun garuu sanyii isaanii keessaa utuu hin ta'in, Abrahaam isa abdiin kennameef irraa kudhan keessaa tokko fudhatee, isa eebbise.

7Inni xinnaan harka isa isa caalutti akka eebbifamu, namni falmu hin jiru.

8Kudhan keessaa tokkoon inni kun namoota du'uuf jiraniin in fuudhama; inni sun garuu luba isa in jiraata jedhamee dhugaa ba'ameef sanaan fuudhame.

9Lewwiin inni sanyiin isaa kudhan keessaa tokko fuudhu ofii isaatii iyyuu, yeroo sana karaa Abrahaam ?Kudhan keessaa tokko baaseera? jechuun in danda'ama.

10Yeroo Malkiisedeq Abrahaamitti adeeme, Lewwiin mudhii abaabilii isaa keessa ture.[27]

11Ammas karaa seera lubummaa Lewwiidhaaf kenname sana fiixaan baafachuun utuu argameera ta'ee, inni akkuma lubummaa Aaronitti waamamee hafe, lubni biraa akkuma lubummaa Malkiisedeqitti kaafamuun maaliif barbaachise ree? Lubummaa Lewwii irratti sabni kun seera argate*.

12Lubummaan sun yeroo geddaramu, seericha keessattis geddaramni giddiitti in barbaachisa.

13Inni amma waa'ee isaatiif dubbatamu immoo, gosa kan biraa keessaa ture; gosa kana keessaa namni takkaa akka lubaatti iddoo aarsaatti hin hojjenne.

14Gooftaan keenya gosa Yihudaa keessaa akka dhalate beekamaa dha; Museen waa'ee gosa kanaa yeroo dubbate immoo, waa'ee luba ta'uu isaanii homaa hin dubbanne*.[28]

15Lubni biraa inni akka Malkiisedeq gaafa ka'u immoo, inni dubbatame kun caalaadhumatti mul'ataa in ta'a.

16Lubni sun akka seeraa fi abboommii biyya lafa kanaatti hidda lakkaa'uudhaan utuu hin ta'in, humna jireenya hin badneetiin luba ta'e.

17Waa'ee isaatiif caaffata qulqullaa'aa keessatti,

17?Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati bara baraan luba in taata? jedhamee dhugaa ba'ameeraaf*.

18Karaa tokko seerri inni duraa sun dadhabbii isaatiif, waa'ee utuu hin baasin hafuu isaatiifis diigameera*.

19Seerichi, wanti tokko iyyuu fiixaan akka ba'u hin goone; karaa biraa immoo, abdiin caalu inni nuyi ittiin Waaqayyootti dhi'aannu iddoo bu'eera*.

20Kun kakaa malee hin taane; warri duraan luboota ta'an hojii isaanii yeroo fudhatan, Waaqayyo hin kakanne.

21Inni kun yeroo lubummaa fudhate garuu Waaqayyo in kakateef; waa'ee isaatiif caaffata qulqullaa'aa keessatti,

21?Gooftaan, ?Ati bara baraan luba in taata? jedhee kakateera, egaa inni yaada isaa hin geddaru? jedhamee caafameera*.

22Kanaanis Yesus walii-galtee isa caalu isa kakaadhaan dhaabate sana amanamaa godhe*.

23Luboonni warri duraa sababii du'aniif hojii isaanii itti fufuu waan hin dandeenyeef, namoota baay'eetu luba ta'e.

24Inni kun garuu bara baraan waan jiraatuuf, lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera*.

25Kana irraa kan ka'es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a*.[29]

26Angafa lubootaa, isa qulqulluu, waan ittiin jedhan hin qabne, xurii hin qabne, isa cubbamoota irraa gargar ba'ee bantiiwwan waaqaa gara irraattis ol jedhe akkasii qabaachuun nuuf in barbaachisa*.

27Inni akka angafoota lubootaa warra kaanii, guyyuma guyyaatti duraan dursee cubbuu ofii isaatiif kana booddees cubbuu sabaaf aarsaa dhi'eessuu isa hin barbaachifne; inni ofii isaa aarsaa godhee, al tokkicha yeroo hundumaaf dhi'eesse*.

28Seerri namoota dadhaboo angafa lubootaa godhee hojii irra in dhaabsisa; sagaleen inni kakaadhaan dhaga'amee, seericha booddee dhufe garuu, ilma isa bara baraan mudaa malee ta'e hojicha irra in dhaaba*.[30]