1Wanta dubbannu keessaa, ?Nuyi angafa lubootaa isa bantii waaqaa keessatti, gara mirga teessoo Waaqayyoo surra-qabeessaa taa'e akkasii qabna? isa jedhutu hunduma irra caala*.
2Inni godoo qulqullaa'aa sana keessatti, godoo namni dhaabe utuu hin ta'in, godicha isa dhugaa Waaqayyo gooftaan dhaabe sana keessatti, angafa lubootaa ta'ee in hojjeta*.
3Angafa lubootaa kan ta'e hundinuu kennaa fi aarsaa dhi'eessuudhaaf hojii irra in dhaabama; kanaaf inni kunis immoo waan dhi'eessu qabaachuun isaaf in barbaachisa*.
4Luboonni akka seerichaatti kennaa dhi'eessan waan jiraniif, inni utuu fooniin biyya lafaa irra jiraate iyyuu luba akka isaanii hin ta'u ture.
5Isaan godoo isa akka gaadidduu isa waaqa irraatti garagalfame sana keessatti in hojjetu; fakkeenyi godoon sun ittiin ijaarame Museetti argisiifamee ture. Yeroo inni godoo sana ijaaruuf ka'etti Waaqayyo, ?Ammas waan hundumaa fakkeenya isa gaara irratti sitti argisiifame sanaan akka hojjettuuf akeekkadhu!? ittiin jedhe*.
6Yesus hojii lubummaa isa kan isaanii irra fagoo caalu fudhate; hammuma hojiin isaa caalu immoo, kakuun inni Yesus Waaqayyoof namoota gidduu dhaabe, inni abdii caalu irra dhaabatu sun guddaa in caala*.
7Kakuun inni duraa hir'ina hin qabu utuu ta'ee, isa lammaffaa iddoo buusuun hin barbaachisu ture*.
8Balleessaan isaan irratti argamnaan raajichi,
9
10
11
12
13Waa'ee kakuu haaraa dubbachuun isaa inni duraa moofa'eera jechuu isaa ti; wanti moofa'e, wanti dulloomes badduu ba'uu ga'eera*.