1Ati garuu wanta barsiisa sirrii sanaa wajjin wal fudhatu dudubbadhu*!
2Maanguddoonni warri dhiirri warra dhugaatiitti of hin ganne, warra ulfina nama irraa qaban, warra of qaban, amantiidhaa fi jaalalatti obsattis warra seelkoo hin qabne haa ta'an*!
3Akkasuma immoo dubartoonni dullooman amala warra akka qulqullootaatti fudhatamanii haa argisiisan! Wanta gaarii ta'e haa barsiisan malee, maqaa namaa balleessuun, dhugaatiidhaaf garboota ta'uun isaan irra hin jiru*.
4Akkasitti abbaa manaa, ijoollees akka jaallataniif, dubartoota warra gara ijoollee in gorsu.
5Dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra of qaban, warra gaa'ela isaaniitti amanaman, warra mana isaaniitiif ba'eessa godhanii eeggatan, warra abbaa manaa isaaniif abboomaman akka ta'an haa gorsan*!
6Akkasuma immoo dhiironni warri gara ijoollee akka of qaban gorsi!
7Waan hundumaa keessatti hojii gaarii hojjechuudhaaf fakkeenya ta'i! Barsiisa kee keessatti dubbii akka waliin hin makne, salphaatti akka hin fudhannes argisiisi*!
8Warri garasii nutti gara galan, waan gadhee ittiin nu irratti dubbatan akka hin arganne, dubbii sirrii sanaanis waan ittiin jedhan akka hin qabaanne godhi*!
9Warri garbummaa jala jiraatan waan hundumaatti ajaja warra isaan bulchanii haa fudhatan! Itti haa tolan, dubbii isaaniitiinis hin mormin*!
10Barsiisichi waa'ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mul'atu gochuudhaaf, isaan guutummaatti amanamummaa gaarii haa argisiisan malee, warra waa miliqsan hin ta'in!
11Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul'iseera*.
12Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa*.
13Achumaanis abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas*.
14Inni seera irra-daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne*.
15Yeroo gorsa kennitu, yeroo balleessaa namatti mul'iftus yaada muramaadhaan kana dubbadhu; namni tokko illee si hin tuffatin*!