GARA TIITOOS 3:1-15 GAZB1997 - Bible AI

1Harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu, abboomamuu fi hojii gaarii hojjechuufis qophaa'oo ta'uu isaan yaadachiisi*!

2Isaan maqaa nama tokko illee utuu hin balleessin, naga-qaboota, garraamota ta'anii, nama hundumaatti karaa hundumaa gara-laafina haa argisiisan*![12]

3Nuyis takka wallaalota, warra hin abboomamne, warra karaa irraa goran, garba kajeellaa fi hawwa garaa garaa isa foon gammachiisu, warra guyyoota keenya hamminaa fi hinaaffaadhaan dabarsine, namoota biratti jibbamne, walii keenyas jibbaa turree dha*.

4Garuu gaarummaanii fi jaalalli Waaqayyo fayyisaan keenya ittiin nama jaallate yeroo isaatti in mul'ate*.

5Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'in, akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis nu fayyise*.

6Hafuurichis isa inni karaa Yesus Kristos fayyisaa keenyaa arjummaadhaan nu irratti dhangalaasee dha*.

7Waaqayyo, ayyaana Kristosiin qajeelotatti lakkaa'amnee, abdiidhaan jireenya bara baraa akka argannuuf kana nuuf godhe*.

8Dubbiin kun amanamaa dha; warri Waaqayyotti amanan hojii gaariitti qabamuudhaaf akka dhimmaniif, dubbii kana cimsitee akka qabdu nan barbaada; dubbiin kun namaaf ba'eessa, dhimmas in baasaaf*.[13]

9Waliin morkiin gowwootaa, hidda dhalootaa lakkaa'uun, wal loluun, waa'ee seeraa irratti wal qoccoluun garuu, waa'ee hin baasu, gatiis hin qabu; kanaafis irraa fagaadhu*!

10Nama barsiisichaan mormee akka yaada isaatti cabsatu immoo, ala tokko, ala lamas erga gorsitee booddee dhiisi*!

11Namni akkasii waan hundumaa irraa jal'atee cubbuu hojjechuu isaa, nama ofii isaatii ofitti farade ta'uu isaas beeki*![14]

12Ganna Niqopholiisin ba'uudhaaf murtoo waanan godheef, yeroo ani Arxemaasin yookiis Xikiqoosin gara keetti ergu, ariitiidhaan achitti ana bira dhufuuf dhama'i*!

13Zenaas isa seera-beekaa sanaa fi Apholosin, akka isaan waan tokko illee hin dhabnetti hamma siif danda'ametti gargaarii karaa irra buusi*!

14Namoonni keenya copha-hinqabne ta'uu dhiisanii, wanta cimsee barbaachisu gargaaruu akka danda'anitti, hojii gaarii hojjechuudhaaf of kennuu haa baran*![15]

15Warri anaa wajjin jiran hundinuu nagaa siif dhaamu; amantiidhaan warra nu jaallatanitti nagaa nuuf himi! Ayyaanni hunduma keessanii wajjin haa ta'u*.[16]

Bible Society of Ethiopia
/div>