1Isin kanaan dura irra-daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin [karaa hafuuraa] duutanii turtan*.
2Yeroo sanatti isin toora biyya lafa kanaa duukaa buutanii deddeebi'aa, aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuuf abboomamaa turtan; hafuurichi hamaan amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jira*.
3Nus hundumti keenya hawwa foon keenyaa duukaa buunee, akka fedha namummaa keenyaa fi yaada keenyaatti warra akkasii gidduu jiraanneerra; kana irraa kan ka'es akkuma warra kaanii dhalootaan dheekkamsa Waaqayyoo jala gallee turre*.
4Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate*.
5Nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du'oo taanee utuma jirruu, inni warra Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan*.
6Karaa Kristos Yesus isumaa wajjin du'aa nu kaase, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoo nuuf kenne, nu teessises*.
7Inni arjummaa karaa Kristos Yesus nuuf godhe sanaan, bara dhufu hundumaattuu baay'ina ayyaana isaatii isa hammas hin jedhamne argisiisuudhaaf kana godhe*.
8Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti*;
9hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti*.
10Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne*.
11Isin warri saba Waaqayyoo hin ta'in, ?Warra dhagna qabatan? waan harkaan dhagna namaa irratti hojjetamuun warra of waaman biratti, ?Warra dhagna hin qabatin? jedhamtanii akka waamamaa turtan yaadadhaa*!
12Yeroo sanatti isin Kristosii wajjin homaa walittii hin qabdan turtan; waldaa ijoollee Israa'elitti orma, kakuu abdii isaanii keessaa kan hin qabne, ofii abdii kan hin qabne, biyya lafaattis Waaqayyo malee akka turtan yaadadhaa*!
13Amma garuu Kristos Yesusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan isin warri dur fagaattanii turtan dhiiga Kristosiin dhi'eeffamtaniittu*.
14Kristos nagaa keenya; inni keenyan diinummaa isa gidduu ture diigee, warra Yihudoota hin ta'in Yihudootas, lamaanuu tokko godheera*.
15Inni nagaa buusuudhaan qooda gosa lamaanii namummaa haaraa isatti argamu tokko akka uumuuf abboommotaa fi toora seera sanaa namoota irraa kaase*.
16Fannoo irratti du'uudhaan gosa lamaanuu akka dhagna tokkotti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse*.
17Inni dhufee isin warra fagoo turtanitti isaan warra dhi'oo turanittis misraachoo nagaa lallabe*.
18Nuyi lamaanuu hafuuruma tokkoon karaa isaa akka itti abbaa bira geenyu qabna*.
19Egaa isin si'achi warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin warra biyyaa, warra mana Waaqayyoo tis malee, orma, nama biyya diidaas miti*.
20Isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu, Kristos Yesus immoo ofii isaatii dhagaa golee qajeelchuu dha*.
21Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan walitti qabamee, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta'uudhaaf gooftaatti in guddata*.
22Isinis immoo isumaan mana isa Waaqayyo hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii itti ijaaramuu keessan*.