1Egaa ani waa'ee hojii gooftaatiif hidhamee kanan jiru, waamicha isa itti waamamtan sanaaf akka ta'utti akka jiraattan isin nan gorsa*.
2Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif danda'aa*!
3Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa*!
4Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko*;
5gooftaan tokko, amantiin tokko, cuupphaan tokko*.
6Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha, inni waan hundumaa irra jira waan hundumaan in hojjeta, iddoo hundumaa jiras*.
7Tokkon tokkon keenya garuu akka safara kennaa Kristositti ayyaana arganneerra*.
8Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan,
9Amma, ?Ol ba'e? yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Dura biyya lafaa kana keessaa gara iddoo gadiitti gad bu'e jechuu dha*.
10Isuma gad bu'e sanatu, waaqaa fi lafa ofii isaatiin guutuudhaaf bantiiwwan waaqaa hundumaa gara irraatti ol ba'e.
11Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyo isaanitti mul'ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota, kaanis barsiisota akka ta'aniif ture*.
12Inni warra Waaqayyoof qulqullaa'an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, [waldaa isa] dhagna Kristos sanas cimsuudhaaf kana godhe*.
13Kunis hamma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyoo beekuu namoota ga'an taanee, guddannees safara guutummaa Kristos bira hamma geenyutti ta'a*.
14Egaa nuyi si'achi ijoollee dha'aan asii fi achi rukutu, warra qilleensa barsiisa namoota axaarotaatiin, haxxumaa isaanii isa gowwoomsaadhaan raawwatamuunis fudhataman hin taanu*.
15Kanaa mannaa jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, kottaa karaa hundumaan gara isa mataa nuuf ta'ee, gara Kristositti in guddanna*!
16Isa jalatti bu'aan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru; yeroo bu'aan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa*.
17Egaa si'achi akka warra saba Waaqayyoo hin ta'iniitti yaada waa'ee hin baafne duukaa buutanii akka hin jiraanne maqaa gooftaatiin cimsee isinan gorsa*.
18Isaan sammuun isaanii dukkaneeffameera; sababii Waaqayyoon beekuu hin barbaanneef, sababii mata-jabina isaaniitiifis jireenya isa Waaqayyo kennu keessaa gad baafamaniiru*.
19Isaan of qabuu dadhabanii jireenya gad-dhiisiitti of kennaniiru; wanta nama xureessu hundumaa in hojjetu, in ga'as hin jedhan*.
20Isin garuu Kristosin akkasitti hin barre.
21Silaa waa'ee isaa dhaga'uun keessan, akka dhugaa isa Yesus keessa jiruttis maqaa isaatiin barsiifamuun keessan hin oolle*!
22Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan, isa kajeellaa nama gowwoomsuun manca'e of keessaa baasaa*!
23Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa*!
24Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa*!
25Kanaafis namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi bu'aa dhagna walii ti*.
26Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin*!
27Seexanaaf karaa hin kenninaa*!
28Inni hatu deebi'ee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka danda'utti hojii waa'ee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee*.
29Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in*!
30Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa*!
31Hadhaa'umaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu*!
32Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa*!