1Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa*!
2Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni aarsaa fooliin isaa tolu, qalma Waaqayyoof dhi'aatus godhee nuuf jedhee dabarsee of kenneera*.
3Akka warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitti jiraadhaa malee, halalummaan, xuraa'ummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhaga'amin iyyuu*.
4Dubbii galateeffachiisu malee, dubbiin gurratti hin tolle, dubbiin midhaan hin qabne, qoosaan hin taanes hin dubbatamin*!
5Namni halaleen yookiis xuraa'aan yookiis sassataan mootummaa Kristosii fi mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye beekaa! Namni sassataan waaqayyolii tolfaman waaqessuu isaa ti*.
6Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo warra isaaf hin abboomamne irratti in dhufa; homtinuu dubbii hundee hin qabneen isin hin gowwoomsin*!
7Hidhata namoota akkasii kana hin ta'inaa*!
8Isin dur dukkanaa'oo turtan, amma garuu karaa gooftaa iftaniittu; egaa akka ijoollee ifaatti jiraadhaa*!
9Wanti ifa keessaa ba'u, gaarummaa, qajeelummaa, dhugaa hundumaa keessatti in argama*.
10Wanta gooftaatti tolu qoraa bira ga'aa*!
11Hojii dukkanaa, isa wanti dhimma baasu keessaa hin baane, bakkeetti baasaa malee, ittii hin hirmatinaa*!
12Namoonni hojii akkasii keessaa qaban jiru; waan isaan dhoksaatti hojjetan immoo dubbachuun iyyuu yeelloo dha.
13Wanti ifichi bakkeetti baasu hundinuu mul'ataa in ta'a*;
14wanti bakkeetti baafamu hundinuu ifaa dha. Kanaaf,
15Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaaladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa*!
16Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa*!
17Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa*!
18Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa*!
19Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa*!
20Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa*!
21Kristosin safeeffachuudhaan waliif abboomamaa*!
22Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu*!
23Kristos mataa waldaa kristiiyaanaa akkuma ta'e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti*.
24Waldaan kristiiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu.
25Kristos akkuma waldaa kristiiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu*!
26Waldaan kristiiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa*.
27Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira*.
28Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta'aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata.
29Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe.
30Nuyi bu'aa dhagna Kristos*.
31Caaffanni qulqullaa'aan, ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u? in jedha*.
32Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa qaba; inni waa'ee Kristosii fi waa'ee waldaa kristiiyaanaa in dubbata jechuu koo ti*.
33Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!