GARA WARRA EFESOON 6:1-24 GAZB1997 - Bible AI

1Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha*.

2Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ?Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!? isa jedhuu dha.

3Abdichis, ?Gaarii akka siif ta'utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!? jedha*.

4Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa*![22]

5Isin warri garbummaa jala jirtan! Biyya lafaa kana irratti warra isin hojjechiifataniif sodaadhaa fi rom'aan, akka waan Kristosiif hojjettaniitti garaa qulqulluudhaan abboomamaaf*!

6Akka isa nama gammachiisuuf ija ilaalattanii hojjettanii utuu hin ta'in, akka hojjetoota Kristositti garaa guutuudhaan jaalala Waaqayyoo raawwadhaa!

7Akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin ta'in, akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti gammachuudhaan hojjedhaa!

8Eenyu illee, garbichas ta'u birmaduus ta'u, hojii gaarii isa hojjeteef gooftaa biraa gatii isaa akka fudhatu beekaa*!

9Isin warri hojjechiifattanis hojjetoota keessaniif akkasuma godhaa! Doorsisas dhiisaa! Gooftaan inni waaqa irra jiru isaaniif, isiniifis gooftaa dha; isa bira immoo nama wal caalchisuun akka hin jirre beekaa*.[23]

10Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aango-qabeessaattis jabaadhaa*.

11Haxxumaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa*!

12Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna*.

13Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhatan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa![24]

14Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa*!

15Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa*!

16Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu*.

17Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa*![25]

18Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa*!

19Ani immoo dhoksaa wangeelaa ija jabinaan beeksisuudhaaf yommuun afaan saaqadhu, dubbiin akka anaaf kennamutti, anaaf kadhadhaa*!

20Akka dubbachuun anaaf ta'utti ija jabinaan akkan dubbadhuuf anaaf kadhadhaa! Ani funyoo sibiilaatiin lafan hidhametti iyyuu wangeela isaa lallabuudhaaf, Kristosiif afaan ta'ee ergameen jira*.[26]

21Amma ani attamitti akkan jiru, maalittis akkan jiru, isinis immoo akka beektanitti, Xikiqoos obboleessi jaallatamaan, hojii gooftaattis amanamaan, waan hundumaa isinitti in hima*.

22Nuyi attamitti akka jirru akka beektaniif, innis immoo garaa keessan akka jajjabeessuuf, dhimma kanaaf gara keessanitti isa ergeera.[27]

23Waaqayyo abbaa biraa, Yesus Kristos gooftaa biraas nagaan, jaalalli, amantii wajjin obboloota hundumaaf haa ta'u*!

24Ayyaanni warra gooftaa keenya Yesus Kristosin jaalala hin badneen jaallatan hundumaa wajjin haa ta'u*.[28]

icle>