1Nuyi Phaawulosii fi Ximotewos hojjetoonni Kristos Yesus,
2Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristos ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!
3Ani Phaawulos yeroon isin yaadadhu hundumaatti Waaqayyo koo nan galateeffadha*.
4Yeroodhuma ani kadhata kootiin hunduma keessan yaadadhutti gammachuudhaan nan kadhadha.
5Kadhata koo keessattis guyyaa duraatii jalqabdanii hamma har'aatti hojii wangeelaa keessaa waan qabaattaniif, Waaqayyoon nan galateeffadha*.
6Waaqayyo inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hamma guyyaa Kristos Yesus deebi'ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha*.
7Waa'ee hunduma keessanii yeroon yaadu immoo, garaan koo waan isin bira jiruuf, hidhamuu koo keessatti, wangeelaaf falmuutti, isa cimsee dhaabuuttis ayyaana anaaf kenname keessaa hundumti keessan akka qabdan yaaduun anaaf qajeelaa dha.
8Jaalala isa garaa Kristos Yesus keessaa argamuun akkan isin yaadu Waaqayyo in beeka*.
9Jaalalli keessan ogummaa qabaachuutti, dubbii gargar baasee hubachuuttis baay'isee itti caalaa akka adeemu nan kadhadha*;
10isa ta'uu fi isa hin taane gargar baaftanii akka qortan, guyyaa dhufa Kristosittis makaa malee, gufuu malees akka taatan kadhachuu koo ti*.
11Ija karaa Yesus Kristos qajeelummaa irraa argamuun guutamtanii ulfina Waaqayyoo fi galata isaatiifis ta'uuf jirtu*.
12Obboloota ko! Wanti ana irra ga'e kun wangeela bal'isuuf ba'eessa godhee hojjechuu isaa akka beektan nan barbaada*.
13Ani Kristosiif jedhee hidhamuun koo warra mana mootummaa warra Roomaa keessaa hundumaa, namoota warra kaan hundumaa birattis beekameera*.
14Sababii ani mana hidhaatti galfameef obboloonni garri caalan gooftaa amanatanii, dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuudhaaf caalaa ija jabaatan.
15Jarri tokko hinaaffaa irraa, anaan morkachuu irraas kan ka'e Kristosin in lallabu; warri kaan immoo fedha gaarii irraa kan ka'e Kristosin in lallabu.
16Warri jaalala gaarii irraa kan ka'e kana godhan wangeelaaf akkan falmuuf as kaa'amuu koo in beeku.
17Warri akeeka ofii isaanii duukaa bu'anii yaada jal'aadhaan Kristosin lallaban garuu, hidhamuu koo irratti rakkina kaasuu in yaadu.
18Fakkeessuudhaanis haa ta'u, dhugaadhaanis haa ta'u, akkuma fedhe ta'ee, karaa fedhe iyyuu Kristos haa lallabamu duwwaa! Ani kanatti nan gammada; si'achis itti nan gammada*.
19Kun kadhata keessaniin gargaarsa hafuura Yesus Kristosiinis gara hiikamuutti akka na geessu nan beeka*.
20Karaa tokkoon illee akkan hin yeellaasifamnetti dhimmee nan eeggadha, nan abdadhas; jiraachuu kootiinis ta'e, du'uu kootiinis ta'e, kanaan dura akkuman gochaa ture, ammas guutummaa namummaa kootiin guddina Kristosiif hojjechuudhaaf ija jabina guutuun qaba*.
21Anaaf Kristos jireenya koo ti, du'uun immoo bu'aa koo ti*.
22Ittuma fufee lafa irra jiraachuu kootiin caalaatti hojii ija qabu nan hojjedha yoo ta'e garuu, waan ani fo'adhu hin beeku.
23Yaadni koo waan lama irratti wal rukuta; ani biyya lafaa kana dhiisee adeemuu, Kristos bira jiraachuus nan hawwa, kunis anaaf hundumaa irra caalaa in wayya ture*.
24Haa ta'u iyyuu malee, biyya lafaa kana irra turee jiraachuun koo isiniif caalaa barbaachisaa dha.
25Ani isin biratti hafee, isin amantiitti akka guddattanii fi akka gammaddanitti, hunduma keessan bira bubbuluuf akkan jiru amanadheera beekeeras*.
26Deebi'ee dhufee yommuu ani isin biratti argamu, isin karaa Kristos Yesus anaan of jajuudhaaf caalaa sababii in qabaattu*.
27Amma garuu akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun ta'utti jiraadhaa malee, kan biraa isin hin dhibin! Hafuura tokkoon iddoo keessanii utuu hin socho'in dhaabattanii, yaada tokkoon amantii karaa wangeelaa argameef akka wal dorgomtan nan barbaada; ani yoon dhufe akkasitti isin arguu, yoon dhufuu dhabaadhes akkasitti jiraachuu keessan dhaga'uu nan fedha*.
28Isin waanuma tokkoon illee warra isinitti ka'an sodaattanii hin raafaminaa! Jabaattanii dhaabachuun keessan Waaqayyo biraa isiniif kenname; kunis warri isinitti ka'an baduu isaanii, isin immoo fayyuu keessan in argisiisa*.
29Kristositti amanuu keessan duwwaa utuu hin ta'in, isaaf dhiphachuu danda'uunis immoo isiniif kennameera*.
30Kanatti dhama'uu koo akkuma kanaan dura ana irraa argitan, ammas waa'ee kootiif dhaga'aa jirtan, isinis itti dhama'uu in dandeessu*.