1Egaa karaa Kristos wal gorsuun, jaalala isaatiin wal jajjabeessuun, karaa hafuura qulqulluu tokkummaa qabaachuun, gara-laafinaan namaaf yaaduun nuuf kennameera*.
2Ammas isin warra yaada garaa tokkoo ta'uudhaan, jaalala tokko qabaachuudhaan, yaada walitti dabalattanii tokko ta'uudhaan, yaada tokkotti waliif galuudhaan gammachuu koo fiixaan anaaf baasaa*!
3Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa'aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa*!
4Isin keessaa adduma addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaalin*!
5
6
7
8
9
10
11
12Kanaafis yaa michoota ko! Yeroo hundumaa akkuma abboomamtan, yeroon isin bira jiru duwwaa utuu hin ta'in, caalaadhumatti yommuun isin bira hin jirre akkasuma godhaa! Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom'aan itti fufaa hojjedhaa*!
13Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta*.
14Waan hundumaas guungummii fi morkii malee godhaa!
15Ijoollee Waaqayyoo warra waan ittiin komataman hin qabne, warra mudaa, haxxummaas hin qabne akka taataniif, isinis dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate gidduutti biyya lafaa irratti akka ibsaa in ibsitu*.
16Guyyaa Kristos firdiidhaaf dhufutti akkasumaan waanan hin fiiginiif, akkasumaan waanan hin dadhabiniif, akkan ittiin of jajutti, dubbii jireenyaa jabeessaa qabadhaa*!
17Dhiigni koo amantii keessan isa aarsaa qalmaa ta'ee dhi'aatu irratti akka dhibaayuutti yoo lolaafame iyyuu, ani nan gammada, gammachuu koos isinii wajjin nan hirmaadha*.
18Isinis immoo akkasuma gammaduun, gammachuu keessanis anaa wajjin hirmaachuun isin irra jira*.
19Yesus gooftaan jennaan, ani waa'ee keessan dhaga'ee garaan koo akka gammaduuf, dafee Ximotewosin gara keessanitti erguuf nan abdadha*.
20Ani nama akka kootti garaa qulqulluudhaan waa'ee keessaniif yaadu isa malee hin qabu*.
21Warri kaan hundinuu waan Yesus Kristositti tolu utuu hin ta'in, waan ofii isaaniitti toluuf in dhimmu*.
22Ximotewos nama dhimma baase ta'uu isaa garuu, akka ilmi abbaa isaaf hojjetutti anaaf hojjetee, anaa wajjinis hojii wangeelaa hojjechaa akka ture isinis in beektu.
23Dubbiin koo attam akka ta'u akkuman bareen immoo isa gara keessanitti erguuf nan abdadha.
24Ofii kootiis immoo utuun hin turin gara keessan akkan dhufu goofticha nan amanadha*.
25Ani Ephafrodixosin obboleessa koo, hojiitti, wal'aansoo keessattis hidhata koo, isa isin wanta anaaf barbaachisetti hojjetaa akka ta'uuf ergamaa godhattan sana, deebisee gara keessanitti erguun barbaachisaa anatti fakkaate*.
26Inni hunduma keessan yaadaa, waan isin dhukkubsachuu isaa dhageessaniifis garaan isaa dhiphachaa ture.
27Inni illee dhuguma dhukkubsatee du'ee oole; Waaqayyo garuu isa maareera; isa duwwaas utuu hin ta'in, ani gadda irratti gadda akkan hin dabalanneef anaafis araara godhe.
28Ergasii immoo isin isa arguutti akka gammaddaniif, gaddi koos akka salphatuuf, caalaatti ariifadhee isa gara keessanitti ergeera.
29Egaa maqaa gooftaatti gammachuu guutuudhaan isa simaa, namoota akkasiifis ulfina kennaa*!
30Inni sababii hojii Kristosiif du'atti dhi'aate, isa isin anaaf akka hojjetuuf ergitan raawwachuufis jireenya isaa fittee irraan ga'e.