GARA WARRA QOLOSAAYIS 2:1-23 GAZB1997 - Bible AI

1Ani isinii fi warra Laa'odiiqeyaatiif akkasumas warra fuula koo hin argin hundumaaf attam guddisee akkan dhama'aa ture akka beektan nan barbaada*.

2Kana gochuun koos garaan isaanii ija jabinaan akka guutuuf jaalalaan walitti hidhamanii utuu jiranii, badhaadhummaa amansiisa guutuu qabu isa hubannaa keessaa dhufu, dhoksaa Waaqayyoo isa Kristos keessa jirus beekuu akka argataniif*.

3Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira*.

4Kanas namni tokko illee dubbii nama wallaalchisuun akka isin hin gowwoomsineefan dubbadha*.

5Fooniin yoon isin bira jiraachuu dhabaadhe iyyuu hafuuraan isin biran jira; toora gaarii isin qabdanii fi Kristos Yesusitti amanuutti jabaachuu keessan arguutti nan gammada*.[9]

6Egaa Kristos Yesus goofticha akkuma fudhattanitti isatti jiraadhaa!

7Akkuma barsiifamtanitti hundee keessan gad fageeffadhaa, isatti ijaaramaatii amantiitti dhaabamaa! Galata guutee irra dhangala'us dhi'eessaa*![10]

8Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin ta'in, yaada mataa isaa keessaa ba'ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin booji'in; kana hundumaattiis of eeggadhaa*!

9Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata*.

10Isinis isuma warra bantii waaqaa keessatti gooftummaa qabanii fi aboo qaban hundumaaf mataa ta'e sanaan gara guutummaa jireenyaa dhuftaniittu*.[11]

11Isinis immoo isumaan dhagna qabamtaniittu; dhagna qabaan keessan garuu isa harkaan hojjetame utuu hin ta'in, isa Kristos dhagna qabuu isaatiin namummaa foonii guutummaa isaa balleessee dha*.

12Cuupphaadhaan Kristosii wajjin awwaalamtanii hojii aangoo Waaqayyoo isa warra du'an keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin, isinis immoo isaa wajjin du'aa kaafamtaniittu*.

13Isinis irra-daddarbaa keessanii fi dhagna-qabaa dhabuu foon keessaniif hafuuraan du'oo yoo taatan iyyuu, Waaqayyo akka isin Kristosii wajjin jiraatoo taatan godheera; irra-daddarbaa keenya hundumaas nuuf dhiiseera*.

14Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera*.

15Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise*.[12]

16Kanaafis waa'ee nyaataa fi dhugaatiitti, waa'ee guyyaa ayyaanaatti, waa'ee baatii lakkaa'uutti yookiis waa'ee Sanbata eeguutti, namni tokko illee isinitti hin faradin*!

17Isaan kun gaadidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos*.

18Namni gad deebi'ee ergamoota waaqa irraa waaqessuu jaallatee, mul'ata arge tokko tokkoon himuudhaan sababii ga'u utuu hin qabaatin yaaduma garaa isaatiin of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin*.

19Namni akkasii, Kristos mataa dhagnichaatti, isa guutummaan dhagnaa ittiin sooramee, buusaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee, guddina Waaqayyo biraa argatuunis guddatu sanatti hin jabaatu*.[13]

20Kristosii wajjin taatanii hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaataman jalaa erga duutanii immoo, maaliif akka waan amma iyyuu kan biyya lafaa taataniitti jiraattu ree? Maaliifis seerrata isaanii jala of galchitu ree*?

21?Kana harkaan hin qabin, sana afaaniin hin qabin, isa kaanis hin tuqin!? in jedhu*.

22Wanti kun hundinuu immoo ittiin hojjetamanii akka dhumaa adeemaniif hin turree ree! Akka ajaja namaa fi akka barsiisa namaattis dubbatame mitii ree*?

23Seerratoonni akkasii waaqessuu addaan ba'e irra kaa'uu isaaniitiin waan gad deebisan fakkaachuu isaaniitiin, dhagnatti hammaachuu isaaniitiin wanta ogummaa irra dhaabatan in fakkaatu; garuu gara waan gatii qabuutti utuu hin ta'in, gara hawwa foonii raawwachuutti nama in geessu*.[14]

article>