GARA WARRA QOLOSAAYIS 3:1-25 GAZB1997 - Bible AI

1Egaa Kristosii wajjin du'aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessaa, iddoo Kristos gara mirga Waaqayyoo taa'ee jirutti barbaadaa*!

2Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa*!

3Isin duutaniittu; jireenyi keessan Kristosii wajjin Waaqayyo keessa dhokateera*.

4Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf jirtu*.[15]

5Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa*.

6Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo [warra isaaf hin abboomamne irratti] in dhufa*.

7Namoota waan akkasii hojjetan gidduu yommuu jiraattan isinis immoo yeroo sana akkasumatti deddeebi'aa turtan*.

8Amma garuu isin dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba'in*!

9Soba walitti hin dubbatinaa! Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu*.

10Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga'uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira*.

11Egaa si'achi Griikii fi Yihudii, nama dhagna qabatee fi nama dhagna hin qabatin, wallaalaa, isa jireenya isaa hin qajeelfatin, garba, birmaduu jechuun hin jiru; Kristos garuu hundumaaf jira, inni nama hundumaaf waan hundumaa ti*.[16]

12Isin warra fo'aman, warra Waaqayyoof qulqullaa'an, warra jaallatamanis erga taatanii, araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa*!

13Waliif danda'aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa*!

14Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa*!

15Nagaan Kristos, inni isin dhagna tokko ta'uudhaaf itti waamamtan, garaa keessan keessatti haa mo'u; warra galata galchanis ta'aa*!

16Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas. Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa*!

17Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin haa ta'u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi'eessaa*![17]

18Gooftaa duratti fudhatamaa akka ta'utti, haati manaa abbaa manaa isheetiif haa abboomamtu*!

19Atis abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin*![18]

20Ijoollee! Waan hundumaatti abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaatti in tola*.

21Isin immoo abboota nana! Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa*![19]

22Isin warri garbummaa jala jirtan! Biyya lafaa kana irratti warra isin hojjechiifataniif akka isa nama gammachiisuuf ija ilaalattanii hojjettaniitti utuu hin ta'in, gooftaa sodaachaa garaa qulqulluudhaan abboomamaa!

23Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta'in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!

24Isin Kristos gooftaadhaaf waan hojjettaniif, isa gooftaan ijoollee isaatiif qopheesse akka gatiitti isa biraa akka argattan beekaa!

25Namni balleessaa hojjetu balleessaa isa hojjetu sanaaf gatii isaa in argata; nama wal caalchisuun immoo isa bira hin jiru*.[20]

article>