GARA WARRA QOLOSAAYIS 4:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Isin warri gooftummaadhaan nama hojjechiifattan ofii keessaniifis waaqa irraa gooftaa akka qabdan beekaatii, qabaa qajeelaadhaan warra garbummaadhaan isin jalatti hojjetaniif waan isaaniif ta'u godhaaf*![21]

2Garaa galateeffatuuf yaada dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa*!

3Nuyis dhoksaa Kristos isa ani amma waa'ee isaatiif hidhamee jiru himuudhaaf Waaqayyo karaa dubbichaa akka nuuf banuuf nuuf kadhadhaa*!

4Akka dubbachuun anaaf ta'utti dhoksaa kana mul'isee dubbachuudhaaf anaaf kadhadhaa![22]

5Yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan, namoota waldaa kristiiyaanaa keessa hin jirree wajjin akka itti jiraattan ogummaadhaan amaleeffadhaa*![23]

6Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa'aa haa ta'u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta'u beekaa*![24]

7Xikiqoos obboleessi jaallatamaan hojii keessattis hidhati amanamaan, waa'ee koo hundumaa isinitti himuuf jira*.

8Nuyi hundumti keenya attamitti akka jirru isinitti himee garaa keessan akka jajjabeessuuf, ani gara keessanitti isa ergeera.

9Oneesimos obboleessi amanamaanii fi jaallatamaan isin keessaa tokko inni ta'e isaa wajjin in dhufa; isaan waan asitti ta'e tokko tokkoon isinitti in himu*.[25]

10Arisxaarkos inni anaa wajjin hidhamee jiru nagaa isiniif in dhaama. Maarqos inni durbiin Baarnaabaas akkasuma nagaa isiniif in dhaama. Waa'ee Maarqos kanaan dura dhaamsi isin ga'eera; inni gara keessan yommuu dhufu simadhaa*!

11Yoshuwaan inni Yusxos jedhamus nagaa isiniif in erga; warra seera dhagna-qabaa eegan keessaa isaan kana kophaatu mootummaa Waaqayyootiif anaa wajjin hojjeta; isaan immoo guddaa na jajjabeessan.

12Ephafraas hojjetaan Kristos Yesus inni isin keessaa tokko ta'e nagaa isiniif in erga; isin namoota ga'an taatanii wanta Waaqayyo jaallatu jaallachuudhaanis guutamtanii jabaattanii akka dhaabattaniif, inni kadhata isaatiin yeroo hundumaa isiniif in dhama'a*.

13Inni isinii fi warra Laa'odiiqeyaaf warra Heraapholisiif hojjechuutti jabeessee akka dadhabe ani dhugaa nan ba'aaf*.

14Luqaas ogeessi qorichaa inni jaallatamaan Deemaasis nagaa isiniif in dhaamu*.[26]

15Obboloota Laa'odiiqeyaatti aadde Niimfaatti, waldaa mana isheetti walitti qabamuttis nagaa keenya nuuf himaa!

16Ergaan kun isin gidduutti erga dubbifamee booddee waldaa Laa'odiiqeyaattis akka dubbifamu godhaa! Ergaa isa waldaa Laa'odiiqeyaatti ergame immoo isin dubbifachuun isin irra jira.

17Arkiphosiin immoo, ?Hojicha isa karaa gooftaa fudhatte sana akka raawwattu godhi!? jedhaa*![27]

18Ani Phaawulos nagaa kana harka kootiinan isiniif caafa; funyoo sibiilaatiin hidhamuu koo yaadadhaa! Ayyaanni Waaqayyoo isinii wajjin haa ta'u*![28]

article>