1Egaa ani nan gaafadha, Waaqayyo saba isaa gateeraa ree? Matumaa kun ta'uu hin danda'u! Ani ofii kootii nama Israa'el, sanyii Abrahaam gosa Benyaamiin keessaa tokko*.
2Waaqayyo saba isaa warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate hin ganne; waa'ee isa Eliyaas, Waaqayyoon Israa'elitti kadhatee, caaffanni qulqullaa'aan waan jedhu in beektu mitii*?
3Innoo, ?Gooftaa! Isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoowwan aarsaa kees diiganiiru; ana duwwaatu hafe, isaan jireenya koos balleessuu in barbaadu? jedhe*.
4Deebiin Waaqayyo isaaf kenne immoo maal ture? ?Ani namoota Ba'aaliif jilbeenfatanii hin sagadin kuma torba ofii kootiif hambifadheera? kan jedhu ture*.
5Bara si'anaas immoo akkasuma hambaan warra Waaqayyo ayyaana isaatiin fo'atee jiru*.
6Fo'amuun isaanii ayyaanaan erga ta'ee immoo, hojii isaaniitiin ta'uu hin danda'u; kanaa achi ayyaanni ayyaana ta'ee jiraachuu hin danda'u*!
7Egaa maal ta'inna laata ree? Warri Israa'el waan barbaadan argachuu in dadhaban; warri fo'aman argataniiru; warri kaan garuu in hadoodchifaman*.
8Akkuma caafamee jiru,
9
10
11Egaa ani nan gaafadha, gufachuun isaanii akka kufanii hafaniifi moo ree? Matumaa kun ta'uu hin danda'u; garuu irra-daddarbuu isaaniitiin, hinaaffaa garaa warra Israa'el keessaa dammaqsuudhaaf, warra Yihudoota hin ta'iniif fayyinni argame*.
12Egaa irra-daddarbuun isaanii biyya lafaatiif eebba erga badhaasee, hir'inni isaanii saba Yihudoota hin ta'iniif eebba erga badhaasee, warri Israa'el deebi'anii guutummaatti argamuun immoo hammam caalaa eebba haa ta'u laata*!
13Ammas isin warra saba Waaqayyoo hin ta'inittan dubbadha; ani saba Waaqayyoo warra hin ta'iniif ergamaa akkuman ta'e, ergaa koo kanas ol ol nan qaba*.
14Kanaan Yihudoota qomoo koo hinaafsisee, isaan keessaa muraasa illee oolcha yoon ta'e nan dhama'a*.
15Gatamuun isaanii araaramuu biyya lafaa erga ta'ee, fudhatamuun isaanii immoo maal ta'inna laataa? Inni warra du'a keessaa ba'aniif jireenya ta'uuf jira*.
16Bukicha irraa gar tokko buduqfamee Waaqayyoof kan qulqulleeffame yoo ta'e, guutummaan bukichaas kan qulqulleeffame in ta'a; hiddi muka tokkoos Waaqayyoof kan qulqulleeffame yoo ta'e, damoonni mukichaas kan qulqulleeffaman in ta'u*.
17Garuu damoota sana keessaa kaan irraa cabnaan, ati immoo inni akka damee ejersa diidaa, soora mukichi ejersaa sun qabu irraa hirmaachuudhaaf iddoo damoota cabaniitti itti fayyifamteetta*,
18damoota sanatti of hin jajin! Yoo of jajje garuu hiddichatu si qabee jira malee, ati hiddicha akka hin qabin yaadadhu*!
19Ati immoo, ?Akka ani iddoo isaaniitti fayyifamuuf damoonni sun irraa caccaban? in jetta ta'a.
20Ba'eessa jette; isaan amanti-dhabina isaaniitiif irraa caccaban. Ati garuu amanti-qabeenya keetiin jabaattee in dhaabatta; kanaafis sodaadhaan eeggadhu malee, waan guddaa of hin se'in*.
21Waaqayyo, damoota warra mukichattii dhalatan hin qusanne erga ta'ee, sis hin qusatu.
22Egaa gaarummaa fi humna Waaqayyoo yaadadhu! Warra irraa kufanitti hamaa dha, siif garuu gaarii dha; kunis yoo ati gaarummaa isaatti jabaatte duwwaa dha; kanaa achi atis immoo mukicha irraa in muramta*.
23Isaan immoo amanti-dhabina isaanii irraa yoo deebi'an, iddoo sanatti in fayyifamu; Waaqayyo deebisee itti isaan fayyisuudhaaf humna qaba*.
24Ati inni muka ejersa diidaattii dhalattee, isa irraa muramtee, muka ejersa qe'ee isa akka uumamaatti sittii gargar ba'etti, kan fayyifamte erga taatee, hammam caalaatti warri ittii dhalatan kun deebi'anii muka isaaniitti haa fayyifamani ree!
25Nutu gargar baasee hubate akka isin hin jenneef, dhoksaa dhugaa kana akka beektan nan barbaada, yaa obboloota ko! Innis immoo, mata-jabinni Israa'el keessaa gar tokkotti dhufe, hamma warri saba Waaqayyoo hin ta'in guutummaatti saba isaatti dabalamanitti malee, isaan irratti hin hafu*.
26Israa'elis guutummaatti in fayyifama; caaffanni qulqullaa'aan waa'ee isaatiif,
27
28Wangeela tuffachuu isaaniitiin Yihudoonni sababii keessaniif jedhanii akka diina Waaqayyootti in ilaalamu; fo'amuu isaaniitiin garuu sababii abbootaaf jedhanii Waaqayyo duratti in jaallatamu*.
29Kennaan Waaqayyoo, waamichi isaas hin geddaramu*.
30Isin kanaan dura Waaqayyoof abboomamuu diddanii turtan; amma garuu warri Yihudootaa abboomamuu waan didaniif araara Waaqayyoo argattaniittu*.
31Akkasuma immoo araara isa isin argattaniin, isaanis araara argachuudhaaf amma Waaqayyoof abboomamuu didan.
32Waaqayyo sanyii namaa hundumaaf araara kennuuf jedhee, namoota hundumaa abboomamuu diduu jalatti boojisiise*.
33
34
35
36